AMN PLUS-Guraandhala 11/2018
Uummatni Wallaggaa qabsoo biyya keessaa qofa osoo hin taane bakka barbaachisaa ta’etti haga biyya alaatti akka qabsa’uu Koloneel Abdiisaa Aagaa akka agarsiise Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) ibsan.
Koloneel Abdiisaa Aagaa hundi keenyaa ni beekna kan jedhan Ministirri Muummee, biyya ormaatti orma kan rakkise uummata koo, obboloota koo rakkistan, fedhii biyya koo daangeessitan kan jedhu ture malee , waa’ee diinaaf meeshaa ta’anii fedhiifi faayidaa uummataa dabarsanii kennuu akka hin turre yaadachiisaniiru.
Dooktar Abiyyi, har’a goototni kaleessaa warreen akka Abishee Garbaa, Oliiqaa Dingiliifi kanneen biroo osoo ol-jedhanii ilaalanii bara ijoolleen obboleewwanii ta’anii mari’achuu dadhabanii hiree uummata isaanii diinatti dabarsanii kennan kana arguu danda’anii du’a 2ffaa hawwu jedheen yaada jedhaniiru.
Abbootiin keenya qabsaa’anii jiru, Abbootiin keenya aarsaa kaffalanii jiru bu’aan aarsaa sanaa misooma amma daawwannee kana malee diinaaf daandii ta’uun fedhiifi faayidaa uummata dararuu akka hin qabne dubbataniiru.
Abbootiin keenyaas qabsaa’anii aarsaa ta’anii, nutis osoo teenyee mari’achuu dandeenyu aarsaa bu’aa hin qabne kan haatii takka obboleewwan lama bitaafi mirgaa itti dhabuun boossuu sanaaf isin gahaa boqadhu jechuun yeroon isaa amma jedhaniiru.
Dooktar Abiyyi yeroo dheeraa booda Wallagga dhaqan daawwachuun akka isaan gammachiise kaasuun, qaamni hunduu qalbii jijjiirrachuun, obsaan dubbii ilaaluun halkanii guyyaa hojjechuun bu’uurarraa furmaata fiduun akka barbaachisu dhaamaniiru.
Shuumii Badhaasootiin