Kantiibaa Adaanech Abeebeen Atileet Waamii Birraatuu dabalatee atileetotaa gootota biyyaa ta’aniif deeggarsa mallaqaafi mana jireenyaa kennan

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech Abeebeen Atileet Waamii Birraatuu dabalatee atileetotaa gootota biyyaa ta’aniif deeggarsa mallaqaafi mana jireenyaa kennan

AMN PLUS – Guraandhala 22/2018

Atileetoota oolmaa biyyaaf oolaniin niyyi itti boontuu warreen turan garuu amma rakkoolee garaagaraaf saaxilamanii jiraniif deeggarsa taasisuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsan.

Atileetootni kunniin guyyaa waltajjii Atileetiksii Addunyaatti hirmaachuu erga eegalanii kaasee ofiif qabeenya horachuu caalaa jaalala guddaadhaan maqaa Itoophiyaafi faajjii ishee Addunyaarraatti ol kaasan mirmirsuu Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.

Yeroo amma umrii, dhibee fayyaa garaagaraaf saaxilamuun akka argaman kan ibsan Kantiibaa Adaanech Waldaa Atileetiksii Itoophiyaa waliin tahuun adda baasuun deeggarsa taasisuu ibsaniiru

Bifuma kanaan;

1) Atileet Komaandar Geexee Urgeef Birrii miiliyoona 10, mana jireenya abbaa ciisa 3 meeshaa mana keessaa guutuu waliiin akkasumas rakkoo fayyaa Atileetitti mudatee irraa akka fayyituuf deeggarsa taasisuun yaalchisuu,

2) Atileet Waamii Birraatuu

3) Atileet Axiree Bezzaabih

4) Atileet Sheewaangizaa Warquu

5) Atileet Warquu Beeroo

6) Atileet Girmaa W/Haannaa

7) Atileet Shuumii Hasan

😎 Atileet Shaayituu Shifarraawu

9) Atileet Zawudee H/Maariyaam

10) Atileet Geetaachoo Kabbadaa

11) Atileet Waldee Roobalee dabalatee tokko tokko Atileetoota bulleeyyii kanneeniif deeggarsi birrii miiliyoona 2 taasifameera.

Akkuma kanaan duraa waamicha isiinif taasiisnu kabajjanii kanneen miira jaalala biyyaa nutti agarsiiftaniifi abbootiin qabeenyaa waan qabdan irraa hir’isuun deeggarsa taasiftan maqaa Atileetoota kanneen galatoomaa jechuun Kantiibaan Magaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee toora miidiyaa hawaasaa isaaniin ergaa dabarsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply