AMN PLUS – Guraandhala 23/2018
Pirezidaantiin Waldaa Gootoota Itoophiyaa Duraanii Lij Daani’eel Jootee Itoophiyaan weerara waggaa 130ffaa dura itti dhufee tokkummaa uummataatiin qolachuun birmadummaa biyyaa kan kabachiiste dachee goototaati jedhan.
Goototni dhiigaafi lafee isaanii itti kaffaluun injifannoo boonsaa galmeessuun diinaa dhufee qaanessuun kan deebisaan biyya birmadummaa ofii kabachiifte dachee goototaa Itoophiyaa akka ijaaranis pirezidaantichi ibsaniiru.
Injifannoon ajaa’ibsiisan ajandaa Addunyaa ta’e seenaan Adwaa kun iccitiin isaa cichoomina tokkummaa uummattoota Itoophiyaatiin kan argameedhas jedhaniiru.
Itoophiyaan qormaata diinaan itti dhufee hundaa qolachuun keessa kan dabartee biyya goototaati kan jedhan pirezidaantichi, ammas taanan humnoota badiifi aggaammii diinaa kamifiyyuu kan hin jilbeeffanne ta’uu seenatu hima jedhaniiru.
Itoophiyaan biyya goototaa ta’uu kan himan Lij Daani’eel Jootee, humna qindaa’ee Itoophiyaa jeequu barbaaduu kamifiyyuu kan hin sarmine ta’uu ibsaniiru.
“Injifannoo kaleessa Adwaa irratti gonfannee har’as taatewwan biraa irratti galmeessuun injifannoo gootota kaleessaa mirkaneessu qabnas” jedhaniiru.
Dhalootni ammaa kunis injifannoo gootota kaleessaa fudhachuun Itoophiyaa gara olka’iinsa olaanaatti ceesisuu akka qabanis dhaamaniiru.
Injifannoon Adwaa 130ffaan har’a kabajnu kunis, bilisummaa cichoominaan abbootniifi haadholiin kaleessaa argamsisan yaadachuun dhaloota ammaa dhaalchisuudha jedhaniiru.
Kabajni injifannoo kanaas dhalootni ammaa injifannoo gootota kaleessaa yaadachuun, birmadummaafi badhaadhina biyyatti mirkaneessuuf guyyaa waadaa isaanii itti haaromsaniidha jedhaniiru.
Shuumii Badhaasootiin