Injifannoon Adwaa diddaa garbummaa hojiitti hiikameedha – Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juullaa

You are currently viewing Injifannoon Adwaa diddaa garbummaa hojiitti hiikameedha – Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juullaa

AMN PLUS – Guraandhala 23/2018

Injifannoon Adwaa balaaleffannaa diddaa garbummaa warri adiin gurraachota irratti labsuuf yaalan fashaleesseedha jedhan Itaamaajooriin Waliigaalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juullaa.

Goototni Adwaa diddaa garbummaa cabsuun hojiin agarsiisuu seenaan isaanii nuuf ibseera kan Jedhan Fiildi Maarshaal Birhaanuun iccitiin injifannoo isaanis akka qaama tokkootti socho’uu dabalatee faayidaa biyyaalessaa irratti garaagarummaa tokkollee akka hinqabne seenaan injifannoo Adwaa ni agarsiisaan ibsaniiru.

Akaakiliifi Abaabiliin keenyaa achii dhuftee isaaniin gootummaa qabaachuu hiddi seenaa isaanii akka dhugoomuus ibsuun goototni kaleessaa of-kennuun aarsaa biyyaaf kaffalamu kaffaluun hojjetan darbuu hubachiisaniiru.

Injifannoon Adwaa baandota qaanessuun uummattoota gurraachota hunda bilisummaa gonfachiisuus Fiildi Maarshaal Birhaanuun hubachiisuun har’as taanaan baandootni baroota keessaa hinbadne jiraachuu akeekuun kanuma keessatti Itoophiyaanotni seenaa injifannoo itti fufsisuu ibsaniiru.

Dhalootni har’aa nuti warreen ashaaraa waloo hidha haaromsaa waliin qabnu, warra biyya gurguruuf dhamaa’an injifachuun ashaaraa boriif tahuu injifannoo Adwaa 2ffaa keewwachuu afaan guutnee dubbachuuf lafaa qabna jedhaniiru.

Baandootni waan waloon qabnu hubachuu caalaa biyya gurguruuf yaalan baay’een jiraachuu eeruun humni Itoophiyaan qabdu eessattiyyuu, yoomiyyuu kan hin raafamne ejjennoo faayidaa biyyaalessaa dursuu goototni kaleessa hojjetan agarsiisan itti fufsisuu tahuun warreen kallattii garaagaraan Itoophiyaa tuttuquu barbaadan harka isaanii sassaabbachuun osoo qalbii jijjiirrachuun gara waloon bsiyya guddisuutti deebi’anii gaarii tahus Itaamaajooriin Waliigaalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juullaa kabaja yaadannoo Injifannoo Adwaa 130ffaa irratti ergaa dabarsaniin hubachiisaniiru.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply