AMN PLUS- Guraandhala 24/2018
Daayirektarri Olaanaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa Yooseef Beekoo (PhD) gaaffiin ulaa galaanaa abjuu fakkaatus akkuma Hidha Haaromsaa ni milkaa’a jedhan.
Marii Paanaalii tibbana Ayyaana Yaadannoo Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa kabajame ilaalchisuun qophaa’e irratti Hidhi Haaromsa Guddichi Itoophiyaa yeroo jalqabamu waan xumuramu kan hin fakkaanne tahuu yaadachiisan.
Hoggansi jijjiiramaa kaleessa wanta hin danda’amne, haamilee dhalootaa cabiinsa seenaa keessa galchuu dhiisuudhaaf ejjennoo cimaa qabachuun hidha haaromsa rakkoo keessoofi alaa hedduu damdamachuun xumuruu akka danda’e ibsan.

”Mootummaan kun qormaata itti dhufe hundumaa liqimseefi damdamatee hidha haaromsaa kana ijaaruun imaanaa seenaa xumuruu himaniiru.
Kaleessa erga dandeenye har’as, borus ni dandeenya jedhaniiru.
Itti dabaluunis “Yeroo waa’ee ulaa galaanaafi Buufata Asab haasofnu wanti abjuu fakkaatu, akkuma hidha haaromsaa dhugaa ta’ee argina” jedhaniiru Dooktar Yooseef.
”Yeroo hidhi Haaromsaa ijaaramaa ture kanneen oduu balaa rukutamuu eegaa turan xumuramee arguu danda’aniiru” kan jedhan Dooktar Yooseef, dhiibbaa dippiloomaasii,oduu waraanaa fi qoqqobbiin maallaqaa hagam baay’atus keessa darbamee akkuma milkaa’e ulaan galaanaa Itoophiyaas akkasuma kan milkaa’u ta’uu xiinxala isaanii kaa’aniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin