AMN PLUS – Bitootessa 5/ 2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Bulchaa Dubaayii, Ittiaanaa Pireezidaantii fi Ministira Muummee Gamtaa Eemireetoota Arabaa Sheek Mahaammud Biin Raashiid Al Maktuum waliin mari’ataniiru.
Dhimmoota hariiroo Biiznasii, Barnootaa fi Aadaa biyyoota lamaanirratti mari’anneerra jedhan Dooktar Abiyyi Ahimad.
Hariiroon magaalaa miidhagduu fi cimtuu tana waaliin qabnu daawwannaa yeroo itti aanu taasifnuun caalmaatti cima jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.