AMN PLUS- Bitootessa 09/2018
Humni Waloo Nageenyaa Ayyaanni Iid Al-Faxir 1447ffaa, Istaadiyemii Finfinneefi Masgiidota magaalaa Finfinneetti argamanitti bifa duudhaa amantichaa eeggateen akka kabajamuuf qophii barbaachisu taasisuun hojiitti seenuu beeksiseera.
Waltajjii marii Qajeelcha waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinneetti adeemsifame irratti hoggantoota qaamolee nageenyaaf qajeelfamni hojii kennameera.
Qajeelcha Waliigalaa Ittisa Yakkaa Komishinii Poolisii Federaalaatti Komishinarri Itti Aanaa Malaakuu Faantaa ayyaanotni amantaafi uummataa akkasumas yaa’iiwwan idil addunyaa nagaan akka xumuramaniif humni nageenyaa muuxannoo qabaachuu yaadachiisuun, kanuma cimsee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.

Komiishinarichi namoota seeraan alaa tokko tokko tibba ayyaanaatti gatiin meeshaalee akka dabalu taasisuufi boba’aa karaa seeraan alaan gurguruun qaala’iinsa jireenyaaf sababa tahan irratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu ibsaniiru.
Ayyaanni Iid Al-Faxir wayita kabajamu daandiiwwan Finfinnee nageenya waloo hordoftoota amantaa gara Masgiidaa deeman eegsiuuf mijachuun sakatta’iinsa adeemsifamuuf hawaasni deggersa barbaachisaa akka taasisu waamicha dhiyeessaniiru.
Itti dabaluunis, Ajajaan Qajeelcha Waliigalaa Poolisii Finfinnee Letenaal Jeneraal Asraat Denneeroo magaalattiin saffisaan guddachaa jiraachuufi nageenya guutuu kan qabdu ta’uu kaasaniiru.
Keessumaa salaanni Iidaa Istaadiyemii Finfinneetti gaggeeffamu magaalattiif bareedinaafi eebba dabalataa waan ta’eef, eegumsa nageenyaa cimaa gochuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Kana malees, koree qindeessitoota ayyaanaa waliin mariin dursaa gaggeeffamee kallattiin kaa’amuu isaas ibsaniiru.
Kana dura taateewwan Idil Addunyaa, biyyaalessaafi amantaalee adda addaa nagaan akka xumuramaniif cimina agarsiisan cimsanii itti fufuun akka barbaachisu kan ibsan immoo, Hoggantuu Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaati.
Aadde Liidiyaan ayyaanni kun akkaataa amantaa isaa eeggateen akka kabajamuuf sadarkaa hundatti qaamoleen nageenyaafi jiraattotni mari’achuun hojiitti seenuu isaanii ibsaniiru.
Dhumarratti, ayyaanichi kan nagaafi gammachuu akka ta’u hawwii gaarii qabu kan dabarse Humni Walichaa, dhimmoota shakkisiisoo nageenyaaf sodaachisan yoo mul’atan lakkoofsa bilbila bilisaa 990, 991, 987 fi 816 akkasumas 011-1-26-43-59, 011-5-52-63-02/03, 011-5-52-40-77, 011-5-54-36-78 fi 011-5-54-36-81 irratti bilbiluu dabalatee moosaajii hirmaannaa lammiilee (Citizen Engagement Application) (EFPApp) fayyadamuun odeeffannoo akka kennuu qaban waamicha dabarseera.