Ogeeyyiin Miidiyaa Haala Qabatamaa Addunyaa Waliin Tarkaanfachuun Faayidaa Biyyoolessaa Itoophiyaa Kabachiisuu Qabu – Amb. Reeduwaan Huseen

You are currently viewing Ogeeyyiin Miidiyaa Haala Qabatamaa Addunyaa Waliin Tarkaanfachuun Faayidaa Biyyoolessaa Itoophiyaa Kabachiisuu Qabu – Amb. Reeduwaan Huseen

AMN PLUS – Bitootessa 12/2018

Ogeeyyiin Miidiyaa biyya keenya haala qabatamaa Addunyaan keessa jirtu waliin of gahoomsuun faayidaa biyyoolessaa Itoophiyaa kabachiisuuf jabaatanii hojjachuu qabu jedhan Daayireektarri Olaanaa Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyoolessaafi Walitti Qabaan Boordii Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa Ambaasaaddar Reeduwaan Huseen.

Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa Ogeeyyii Miidiyaa 36 guyyoota 21’f Leenjisaa ture eebbisiiseera.

Sirna Eebbaa kanarratti ergaa kan Daayireektara Olaantuun Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa Hayimaanot Zallaqaa, Miidiyaaleen biyya keenyaafi Ogeeyyiin yeroo yerootti beekumsaan of gahoomsaafi of ijaaraa deemuun ergama biyya isaanii amanamummaan tajaajiluu bahachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Abbaan Taayitichaa Miidiyaalee hordofuufi To’achuun cinaatti hojii Ogeeyii Miidiyaalee beekumsaan cimsuufi gahoomsuu hojjachuun, tajaajila uummataafi biyyi irraa barbaaddu kennuu akka danda’an taasisuu hojjachaa jiraachuus himaniiru.

Daayireektarri Olaanaa Tajaajila Nageenya Odeeffannoo biyyoolessaafi Walitti Qabaan Boordii Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa Ambaasaaddar Reeduwaan Huseen gama isaaniin Miidiyaaleen hojii waliigaltee biyyoolessaa uumuufi darbees ijaarsa biyyaa keessatti gahee olaanaa bahachaa jiraachuu dubbataniiru.

Kanaafiis Mootummaan Ijaarsa Dhaabbilee Miidiyaaleefi Ogeeyyii irratti xiyyeeffannoo olaanaan hojjachaa jiraachuu himaniiru.

Odeeffannoon kamiyyuu of eeggannoofi itti gaafatamummaa olaanaan tamsa’uu akka qabuus Ambaasaaddar Reeduwaan Huseen hubachiisaniiru.

Leenjiin kennamaa ture akkaataa Faayidaa Biyyoolessaa Itoophiyaa ittiin kabachiisuun danda’amu irratti kan fuulleffate tahuu kan eeran Ambaasaaddar Reeduwaan, Ogeeyyiin kunneen haala qabatamaa Addunyaa Odeeffannoo ammayyaa amma keessa jirru waliin tarkaanachuun faayidaafi fayyadamummaa uummata biyyattii mirkaneessuuf kutannoon akka hojjatan dhaamaniiru.

Gabaasni kan Mahaammad Toofiq

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply