Namootni 600 Caalan Karaa Seeraan Alaa Boba’aa Daddabarsan To’atamuu Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawwaa Ibse

You are currently viewing Namootni 600 Caalan Karaa Seeraan Alaa Boba’aa Daddabarsan To’atamuu Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawwaa Ibse

AMN PLUS – Bitootessa 12/2018

Yakkoota dhiyeessii boba’aa irratti raawwataman irratti tarkaanfiin fudhatamu cimee akka itti fufu Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawwaa beeksise.

Al-seerummaa adeemsa raabsaafi gabaa boba’aa keessatti mul’atan to’achuuf naannolee jahafi bulchiinsa magaalotaa lama keessatti duula qindaa’aa jalqabameen bu’aan guddaan galmaa’aa akka jiru Ministirri Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawwaa Kaasaahun Goofee (PhD) ibsaniiru.

Guyyoota darban keessatti hordoffiifi to’annoo cimaa taasifameen tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhatamuu himaniiru.

Haaluma kanaan boba’aan seeraan alaa socho’aa ture liitira kuma 250 fi 221 fi naafxaan liitira kuma 198 fi 432 ta’u qabamee mootummaaf galii ta’uu isaa Ministirichi ibsaniiru.

Boba’aa seeraan alaa to’atamee gurgaramee keessaa birriin miliyoona 48 fi kuma 663 ol mootummaaaf galii ta’uu kan ibsan Dooktar Kaasaahun, namoonni gochaa seeraan alaa kana irratti hirmaatan 613 to’annoo seeraa jala ooluu isaaniis kaasaniiru.

Namoota to’ataman keessa itti gaafatamtootni waajjira daldalaa, dursitootni garee, ogeeyyiin sirna to’annoo (regulatory), abbootiin qabeenyaa buufata boba’aa fi hojjettootni isaanii akkasumas qaamoleen nageenyaa sadarkaa garaagaraa irratti argaman akka jiranis himaniiru.

Tarkaanfiin kun caasaa gara gadi irratti qofa osoo hin taane, warra murtii kennan irrattis kan xiyyeeffate ta’uu isaa ibsuun hojii to’annoo qindaa’e kanaan damee kana keessatti malaammaltummaa mul’atu buqqisuun raabsi boba’aa haqa qabeessa ta’e akka jiraatu taasisuuf hojiin eegalame cimee akka itti fufus eeraniiru.

Haala qabatamaa gabaa boba’aa Addunyaan amma irra jirtu tilmaama keessa galchuun, raabsitootni boba’aafi hawaasni, boba’aa qusannaafi itti gaafatamummaa olaanaadhaan akka itti fayyadaman Ministirichi dhaamsa dabarsuu ENA’n gabaasera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply