AMNPLUS – Bitootessa 17/2018
Magaalaan Finfinnee yeroo ammaa sadarkaa Addunyaatti hojii bu’uuraalee misoomaa guddaafi jijjiirama magaalaa dinqisiisaa irratti akka argamtu Itoophiyaatti Ambaasaaddar Itaalii Ambaasaaddar Seem Faabrizii ibsaniiru.
Finfinneen jijjiirama saffisaa agarsiisaa akka jirtu ibsuun safartuu ijaarsaa idil-addunyaatiin yoo madaalamus magaalota tarree duraa keessatti akka argamuu dandeessus himaniiru.
Ambaasaaddar Seem Faabrizii seenaa bara dheeraa Itaaliin Itoophiyaa waliin qabduus dippiloomaasii jabaa tahuu kaasaniiru.

Itaaliin yeroo ammaas Finfinneefi guutuu Itoophiyaa keessatti akka boqonnaa haaraatti misooma jalqabuuf qophooftuu ta’uu ishees ibsaniiru.
Riifoormii misoomaa guddaa kana irratti Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimed Shidee, Ministirri Jallisiifi Naannawwaa Gammoojjii Abraham Balaay (PhD) akkasumas Minister Deetaan Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Yitimgeetaa Asraat (PhD) dabalatee gareen daldalaa olaanaa argamuu EPA’n gabaasera.
Itaaliin hariiroo daldalaa haaraa uumuun michummaa Itoophiyaa wajjiin qabdu haaromsuuf kutannoodhaan akka hojjettus Ambaasaaddar Seem Faabrizii ibsaniiru.