AMN PLUS – Bitootessa 17/2018
Karoora Mootummaan Naannoo Oromiyaa naannicha damee hundaan galaana ispoortessitootaa taasisuu qabatee itti jiru namoota dhuunfaa dhugoomsaa jiran keessaa Obbo Tamasgeen Namee isaan tokkodha.
Obbo Tamasgeen nama dhuunfaa guddina damee ispoortii Oromiyaaf quuqamaafi aantummaa jabaa qaban yoo tahan Godinaalee Oromiyaa 14 keessa naanna’uun gumaacha taasisan hawaasa dubbicha quba qabutuu ragaadha.
Biyyattiin maqaa boonsaa ittin Addunyaatti beekamtu keessaa ispoortiin sektara tokko yoo tahu kana keessatti ispoortessitootni dachee Oromiyaa irraa kahuun dorgommii qaxxamura biyyaafi Idil Addunyaa irratti injifataa turaniifi har’as itti jiran baay’een isaanii Oromiyaa keessaati.
Keessattuu jijjiiramaa as xiyyeeffannoo kennameen bakkeewwan shaakala ispoortii sadarkaa fooyya’aa qaban kan babal’atan yoo tahu mootummaa cinaatti namootni dhuunfaa akka Obbo Tamasgeen Nameefi fakkaattotni isaanii gumaacha taasisaniif galata guddaa qabu.

Obbo Tamasgeen namni dhuunfaa damee ispoortii keessaa ashaaraa dhalootaaf oolee bulu qaban turtii addatti Ispoortii AMN PLUS waliin taasisaniin keessi isaanii hojii tola ooltummaaf of-kennuun damee ispoortii irratti waan humni isaaniif eeyyame hunda hojii tolaa ooltummaan dirqama jaalala biyyaa bahachaa jiraachuu kaasaniiru.
Obbo Tamasgeen Oromiyaa bal’oo keessaa naannoo baadiyyaatti ispoortessitootni hedduun haala mijataa hin arganne malee fagoo gahuu akka danda’an waan arganiifi taajjaban irraa kahuun dhimma akkasiif furmaata waaraa lafa qabsiisuuf quuqamaafi aantummaa qabaniin yoo xiqqate Godinaalee Oromiyaa 14 qaqqabuu ibsaniiru.
Akka dhuunfaatti hirmaannaa cimaa taasisaa kan jiran Obbo Tamasgeen Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Oromiyaas amma jijjiiramni galmeessaa jiru kan fagoo deemsisu tahuu hubachiisaniiru.
Numatuu waliif qoricha kan jedhan Obbo Tamasgeen Namee waan qabnu gumaachuun guddattoota dandeetti qaban garuu humni hin eeyyamneef gara fuulduraatti fiduun Oromiyaa jiituu damee ispoortii maraan galaana ispoortessitootaa taate uumuun seenaa haa hojjennuun turtii addatti Ispoortii AMN PLUS waliin taasisaniin waamicha kabajaas dhiyeessaniiru.
Rabbirraa Hirphaatiin qindaa’e