AMN PLUS , Ebla 27/2018
Ebli 27 guyyaa galmeen seenaa kaleessaa banamee itti dubbifamu qofa miti jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.
Tajaajilichi Guyyaa Yaadannoo Injifannoo Goototaa 85ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarseera.
Waggaa 85 dura abbootiin biyya dhiigaa fi lafee isaaniin eeganii tursiisuuf dirqama seenaa irra eegamu injifannoon bahataniiru jedhe.
Biyya isaan eeganii bilisummaan nuuf dabarsan,beekumsa, dafqaa fi hojiin ijaaruun gootumma barichaan imannaa of irra qabna jechuun ibseera.
Osoo eegumsi abbootii keenyaa hin jiraatin biyyi har’a ijaaraajirru hin jirtu ijaarsa keenya malee biyyi abbootiin keenya eegan lammii isheef jireenya hiika qabu kennuu hin dandeessu jechuun ibseera
Kanaaf, biyya kaleessa gootummaadhaan dhaalle, har’a qaroomina waliin dhaloota itti aanutti dabarsinee kennuuf, imaanaa sabaa qabna jechuun ibseera
Midhaan nyaataan of danda’uu mirkaneessuuf
Biqiltuu biliyoona hedduu dhaabuun naannoo keenya tiksuun
Pirojektoota biyyaalessaa ijaaruun gara badhaadhinaatti ce’aa jirra jechuun ibseera
Magaalota keenya haaromsaa jirra, rakkoolee keenya mariin furuu irratti hojjechaa jirra,
humna haaromfamaa fi wiirtuuwwan guguddoo ijaarraa jirra.
Kun hundi itti gaafatamummaa dhalootaa keenyaati biyya dadhabbii fi hojii keenyaan ceesisuuf
Kanaaf, guyyaa seena qabeessa kana irratti, lammiin hundi bakka hojii isaa jiru hunda keessatti “goota yeroo isaa” ta’uu qaba. Hojiin misoomaa, tokkummaan fi pirojektoonni gurguddoon nuti raawwannu, kabaja guddaa abbootii keenyaaf kenninuudha jechuun ibseera
Ebli 27 guyyaa galmeen seenaa kaleessaa banamee itti dubbifamu qofa miti- Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa