AMN PLUS – Ebla 26/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen torbee agarsiisa Teeknikaafi Ogummaa sadarkaa magaalaatti gaggeeffamu Paarkii Araadaatti bananiiru.
Aadde Adaanech toora miidiyaa hawaasaa isaaniin ergaa dabarsaniin biyyi cichoominaafi cimina ijoolleesheetiin kan ijaaramtu tahuu hubachiisaniiru.

Torbeen agarsiisa torbee teeknikaafi ogummaa sadarkaa magaalaatti baname mata duree ‘gahumsa teeknoloojii badhaadhina biyyaaf’ jedhuun yeroo 16ffaaf magaalaa fakkeenya badhaadhinaa taate Finfinneetti keessummeeffamuun dorgomtummaa damichaa baasan mul’isuuf haala mijataa kan uumuu tahuu Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.

Kantiibaa Adaanech harki hojjetu, sammuun kalaqu ijaarsa biyyaaf bu’uura jabaa akka kahu ibsaniiru.
Biyyi keenya yeroo ammaa kalaqa teeknoloojiin, teeknoloojiin muuxannoo qooddachuufi deebistee hojiirra oolchuun akka addunyaatti jijjiirama saffisa qabu keessa jirtis jedhaniiru.

Kaleessa biyya keessatti oomishuu dhabuufi hanqinni sharafa alaa akka barbaadneetti guddachuuf nu daangesse ture kan jedhan Aadde Adaanech har’a sana hunda darbinee jijjiirama qabatamaa galmeessaa jirraas kaasaniiru
Jijjiirama saffisa qabu magaalaan Finfinnee galmeessaa jirtu keessatti dhaabbileen teeknikaafi ogummaa shoora olaanaa akka qabanis Aadde Adaanech ibsaniiru.

Kantiibaa Adaanech yeroo ammas biyyi keenya harka waa kalaqu barbaada jirtii kaasuun kaanaaf ammoo koollejjoota teeknikaafi ogummaarraa hojii baay’ee akka eegdu ibsuun aadaa hojii 24/7’n bu’aa galmeessuufi babal’isuun akka barbaachiisu akeekaniiru.
Bulchiinsi magaalichaa dadhabbiin keessan bu’aan akka dabaalamu deeggarsa taasisuu cimsee itti fufaas koollejjoota teeknikaafi ogummaa Finfinneef dhaamaniiru.

Kantiibaa Adaanech Biiroo Hojiifi Ogummaa Magaalaa Finfinnee, Barsiisota, baratootaafi hojjettoota koollejjoota teeknikaafi ogummaa magaalatti torbee agarsiisa teeknikaafi ogummaa sadarkaa magaalaa Finfinneetti qophaa’e bifa qindoominaafi wal dubbiseen akka gaggeeffamu taasisan galateeffataniiru.