Gootummaan har’aa guddina akka biyyaatti argame itti fufsiisudha – Pirezidaanti Taayyee

You are currently viewing Gootummaan har’aa guddina akka biyyaatti argame itti fufsiisudha – Pirezidaanti Taayyee

‎AMN PLUS – Ebla 27/2018

‎‎Pirezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee guyyaa gootota Itoophiyaa waggaa 85ffaatti argamuun ergaa dabarsaniin gootummaan har’aa guddina akka biyyaatti argame adda durummaan itti fufsiidha jedhaniiru.

Pirezidaantichi ‎Itoophiyaan ayyaana kana kan kabajju cimina fi wareegama gootota isheetiin ta’uu ibsaniiru.

‎‎Dhaalli guddaan abbootiifi haadholii keenyarraa dhaalle nageenya, bilisummaa, ofitti amanamummaafi gootummaa kan jedhan pirezidaanti Taayyeen ‎injifannoon seenaa kun guddina biyyaafi abdii fuulduraaf bu’uura cimaa ta’uus dubbataniiru.

Lammiileen biyyatti hundi kana hubachuun bal’isan yaaduun biyya isaanii tajaajiluun akka irra jiraatus pirezidaanti Taayyeen hubachiisaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply