Dorgommiin fiigichaa gaarummaa Zaayid atileetotaaf filannoo dorgommii haaraa uume – Atileet Komaandar Silashii Sihin

AMN PLUS-Ebla 25/2018

Dorgommiin fiigichaa KM 5 gaarummaa Zaayid atileetotaaf filannoo dorgommii haaraa uumuun madda carraa galii biraas akka argamsiise Pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Atileet Komaandar Silashii Sihin ibsan.

Fiigichi KM 5 gaarummaa Zaayid ka’umsaafi xumura isaa Addaabaabaayi Masqalaa taasifate kun dorgommii kaayyoo gaarummaa fi wal-deeggaruuf qophaa’e akka ta’e Atileet Silashii Sihin turtii AMN waliin taasisanin ibsaniiru.

Dorgommii kana irratti atileetotni bebbeekamoon akka hirmaatan ibsuun, mo’attootaaf badhaasni Birrii Kuma 175 hanga Kuma 600 kennamuun isaa atileetotaaf faayidaa gaarii akka ta’es ibsaniiru.

Dorgommiin fiigicha guddicha Itoophiyaafi dorgommiin fiigichaa daandii irraa sadarkaa naannooleetti qophaa’an atileetotaaf akka filannoo dorgommii isaa birootti dhiyaachaa kan jiranis ta’uu kaasaniiru.

Kunis atileetotaaf galii qofa kan fidu osoo hin taanee carraa addaa fidee kan dhufu ta’uu ibsuun, dorgommiiwwan akkanaa babal’achuu akka qaban Atileet Silashiin dubbataniiru.

Damee atileetiksii qabeenya Itoophiyaa ta’e kana guddisuun barbaachisaadha kan jedhan Atileet Silashiin, dorgommiiwwan fiigicha gufachiisaafi kanneen biroo irratti Federeeshinin Atileetiksii Itoophiyaa xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.

Dorgommiiwwan fiigicha daandii irraa akkuma biyyoota biroo babal’isuun akka biyya beeksisuuf ta’uutti qopheessuuf hojjetamaa kan jiru ta’uus ibsameera.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply