Aadaa gootota osoo lubbuun jiranii kabajuu, seenaa isaanii dhaloota dhufuuf gudunfuu!

You are currently viewing Aadaa gootota osoo lubbuun jiranii kabajuu, seenaa isaanii dhaloota dhufuuf gudunfuu!

AMN PLUS – Ebla 26/2018

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee waggoota muraasaa as hojiilee misoomaa namooma irratti xiyyeeffatan hojjechuun cinaatti namoota kaleessa oolmaa biyyaaf oolan yaadachuufi deeggaruun aadaa wal galateeffachuufi beekamtii waliif kennuu itti fufsiisaa jira.

Misoomni koriidarii, pirojeektiiin misooma qarqara laggeeniifi warreen biroo namooma irratti xiyyeeffatan Finfinnee jiraattotaaf mijattuu taasisuu dabalataan oolmaa namoota biyyaaf oolanis of-keessatti qabachuun misoomuun aadaa gootota kabaju, seenaa isaanii dhaloota dhufuuf gudunfuu akkasumas beekamtii kennuu itti fufsiisuun bulchiinsi magaalichaa dorgomaa hin qabu yoo jenne salphata.

Aadaan akkasii kun barii jijjiiramaarraa eegalee goototaaf bakkaafi kabaja malu kennuun warreen aarsaa lubbuu kaffaluun biyya itti fufsiisan akka miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa, gootota haadholiifi abbootii, atileetota addunyaarratti alaabaa biyyaa mirmirsuun maqaa Itoophiyaa waamsisaniif xiyyeeffannoon addaa kennamuun hojiin yaadannoo, kabajaafi beekamtii kennuu waan galata qabu tahuu baay’een dhugaa ba’utti jiru.

Kunis qabatamaan mana jireenyaa kennuu, siidaa kabajaa dhaabuu akkasumas ashaaraa isaanii kaleessaa dhalootaaf dabarsuu keessatti waan lafarraa mul’atu hojiilee hedduuti hojjetameera.

Yaadannoon Injifannoo Adwaa seenaa Itoophiyanootni akka qaama tokkotti socho’uun galmeessanis akka fakkeenyaatti kan ka’u bu’aalee barii jijjiiramaa argaman ashaaraa Itoophiyaanota maraati.

Akkasumas yeroo garaagaraatti miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa duraanii oolmaa biyyarraa qabaniifi maatii isaaniif manni jireenyaa kan kennameef yoo tahuu Paarkiin Ispoortii Addis dhiyeenya siidaa kabajaa urjiilee atileetota Itoophiyaa addunyaarratti maqaa biyyaa olkaasan mul’isan oofkeessatti qabatee tajaajilaaf banaa tahees kabajaafi beekamtii gootota dameelee garaagaraan biyyaaf gatii kaffalanii agarsiisaa.

Paarkiin sadarkaa idil addunyaa qabu saffisaafi qulqullinaan ijaaramuun tajaajilaaf banaa tahe siida kabajaa atileetoota sadarkaa Olompikii addunyaatti injifannoo boonsaa biyyaaf galmeessan waliin dhalootaaf akka darbuutti hojjetamuun lammiilee Itoophiyaarraa hanga alaatti hoggansa itti yaadee ashaaraan akkanaa akka gudunfamu kallattii kaa’eefi hojicha hordofuun galmaan gahe galateeffachiisera.

Imalli namoota oolmaa biyyaaf oolan osoo lubbuun jiranii yaadachuufi deeggaruu kun gara fuulduraalee akka itti fufu kutannoo bulchiinsa magaalaa Finfinnee tahuu odeeffannoon yeroo garaagaraatti bahe ni mul’isa.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply