Ameerikaa fi Chaayinaan ulaan Hoormuz banamuu akka qabu waliigalan

You are currently viewing Ameerikaa fi Chaayinaan ulaan Hoormuz banamuu akka qabu waliigalan

AMN PLUS – Caamsaa 06/2018

Ameerikaa fi Chaayinaan ulaan Hoormuz banamuu akka qabu waliigaluun isaanii ibsameera.

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, gita isaanii Chaayinaa Shii Jin Ping waliin marii taasisaniin booda Hoormuz banamuu akka qabu waliigaluu BBC’n gabaaseera.

Akka ibsa Waayit Haawusitti Tiraamp “marichi milkaa’aa ture” kan jedhan yoo ta’u, Iraan meeshaa waraanaa Niwukilaraa akka hin qabaanne Chaayinaa waliin yaada tokko irra gahuu hubachiisuun isaanii ibsameera.

Tiraamp imala Beejingiin dursuun Iraan irratti haleellaa biraa akka banan ibsanii kan turan yoo ta’u, Iraanis Yuraaniyemii meeshaa waraanaa oomishuuf ishee dandeessisu gabbisuu akka itti fuftu dhaadachuun ishee ni yaadatama.

Gama biraan, biyyootni lamaan hariiroo diinagdee isaaanii cimsuun, Ameerikaan kaampaanota ishee gara Chaayinaatti kan ergitu yoo ta’u, Chaayinaanis Ameerikaatti invastimantii irratti hirmaachuuf waliigaluun isaanii gabaafameera.

Marii kana irratti Elon Maask dabalatee gaggeessitootni kaampaaniiwwan Ameerikaa gurguddaa ta’an biroo kan argamaniiru.

Chaayinaan Ameerikaa irraa boba’aa bituu akka barbaaddu kan ibsame yoo ta’u, qorichi Fentaanil jedhamu akka Ameerikaa hin seenne ittisuu irrattis mari’achuun isaanii beekameera.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply