AMN PLUS- Onkoloolessa 24/2018
Itoophiyaan naannawaa invastimantii mijataa uumuuf damee invastimantirratti riifoormii taasisuuf kutannoo qabdu Komishinarri komishinii Invastimantii Itoophiyaa Zallaqaa Tamasgeen (PhD) ibsan.
Komishinar Zallaqaan yaa’ii Invastimantii Itoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa Faransaay Paarisirratti taasifamaa jirurratti haasaa taasisaniiru.
Wayituma kana “Mootummaan invastimantii fi carraa hojii mijataa uumuuf tattaaffii taasisu cimsee itti fufa” jedhan.
Invastimantii Itoophiyaatti hawwachuufi carraa hojii guddisuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Faransaay Aleeksiis Laameeksi gamasaaniin, rakkoowwan damee invastimantiin wal qabatan furuuf hirmaannaa damee dhuunfaa fi mootummaa gidduu jiru guddisuuf gareen hojii waloo hojjatu hundeeffamuu dubbachuu isaanii odeeffannoon Komishinicha irraa argame ni mul’isa.