Tuurizimiirraa galiin doolaara biliyoona 1.4 argameera- Salaamaawiit Kaasaa

You are currently viewing Tuurizimiirraa galiin doolaara biliyoona 1.4 argameera- Salaamaawiit Kaasaa

AMN PLUS-Sadaasa 8/2018

Tuurizimiirraa galiin doolaara biliyoona 1.4 argamuu Ministirri Tuurizimii Salaamaawiit Kaasaa beeksisan.

Galiin kun kan argame kurmaana jalqabaa bara 2018tti tahuu Ministirittiin wayita Koree Dhaabbii Dhimmoota Daldalaafi Tuurizimii Paarlaamaaf gabaasa dhiyeessan ibsaniiru.

Salaamaawiit, tuuristootni biyya alaa Kuma 300 Fi Kuma 76 caalan Itoophiyaa daawwachuu ibsanii, kunis karooraa ol ta’uu addeessaniiru.

Dameen kun carraa hojii uumuun diinagdee akka deggeruuf tattaaffii taasifameen lammiilee Kuma 16 oliif carraan hojii mijachuu ibsuu isaanii odeeffannoon miidiyaa hawaasummaa Ministeerichaa irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply