
AMN PLUS- Sadaasa 10 /2018
AI’n diinagdee ismaartii ijaaruu fi kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuuf faayidaa guddaa akka Hoggantoonni Olaanoon Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee ibsan.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) daawwannaa Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee (AI)tti tibbana taasisaniin, Itoophiyaan dorgommiiwwan teeknooloojii idil-addunyaa irratti dammaqinaan hirmaachuu daandii mirkaneessu irra jiraachuu ishee ibsanii turan.
Kana hordofuun hoggantoonni olaanoon Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee hojiiwwan bu’a qabeessa giddu gala AI Itoophiyaa keessatti hojjetamaa jiran daawwataniiru.
Kantiibaa Itti Aanaa fi Hogganaan Biiroo Misooma Indastirii Obbo Jaanxiraar Abbaay, hojiin AI’n hojjetame sadarkaa magaalaatti misoomaa jalqabameefi kenniinsa tajaajila ammayyeessuun sadarkaa olaanaan akka raawwatamu taasisuu isaa eeraniiru.
AI’n nageenya Magaalaa Finfinnee mirkaneessuu, misooma ariifachiisuufi guddina diinagdee deeggaruuf daran akka fayyadu ibsaniiru.

Teeknooloojiin AI kuni dameewwan baay’ee keessatti faayidaa hedduu akka qabu kan ibsame, teeknooloojii kominikeeshini, bulchinsa humna namaa, geejjiba, ijaarsa manneenifi tajaajila saffiisiisuu keessatti hojiin isaa olaanaa ta’u daawwannaa kanaan hubachuu isaanii ibsaniiru.
Keessattuu Magaalaa Finfinnee keessatti komii uummataa tajaajila irratti ka’aa jiruufi hojmaata badaafi malaamaltummaa hambisuu keessatti hojiin isaa gudda akka ta’es hubaataniiru.
Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee Obbo Mogas Baalchaa gama isaaniitiin magaalaa jiraattotaaf tajaajila mijataa fi si’ataa ta’e kennitu magaalaa ismaartii taate uumuuf hojiileen AI hedduu hojiirra oolaa akka jiru eeraniiru.

Kantiibaa Itti Aanaanifi Hogganaan Biiroo Pablik Sarvisiifi Misooma Humna Namaa Jamaaluu Jambaruu (PhD) gama isaatiin Hubannoon namtolchee bifa Magaalaa Finfinnees akka jijjiire ibsan.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinneefi Giddu galli Inistiitiyuutii Aartefishal Intalajensii Itoophiyaa waliin hojjechuuf hojiileen eegalan jiraachuu kan ibsan Dooktor Jamaaluun, dhiyeenya kana kan ifoome giddu galli tajaajila iddoo tokkoo MASOB isa tokko ta’uu hubachiisaniiru.
Fuuldurattis hojmaata badaa hambisuuf Instiitiyuutii Aartefishal Intalajensii Itoophiyaa waliin tokkummaan hojjechuun akka barbaachisus dhaamaniiru.
Shuumii Badhaasootiin