Dubartootni milkaa’ina filannoof ashaaraa isaanii adda durummaan kaa’uu qabu- Obbo Adam Faaraah

You are currently viewing Dubartootni milkaa’ina filannoof ashaaraa isaanii adda durummaan kaa’uu qabu- Obbo Adam Faaraah

AMN PLUS-Guraandhala 24/2018

Pirezidaantii Itti aanaa fi Itti gaafatamaan Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah “Milkaa’ina filannoo Waliigalaa 7ffaaf dubartoonni itti gaafatamummaa isaanii adda durummaan bahachuu qabu” jedhan.

Ministeerri Nageenyaa gurmaa’iinsa Dubartootaa waliin ta’uun mata duree “Gahee Dubartootaa Filannoo Nagaa Qabeessaaf” jedhuun waltajjii marii biyyaalessaa adeemsiseera.

Obbo Adam Faaraah wayita kana “filannichi akka milkaa’uufi dimookiraasiin akka dagaaguuf dubartoonni filuun, dorgomuun akkasumas nageenyaaf waardiyyaa ta’uun ashaaraa isaanii adda durummaan kaa’uu qabu” jedhan.

Barii jijjiiramaa dubartoonni aangoo mootummaa % 50 akka qabaatan taasifamuun hojiin sadarkaa idil addunyaatti fakkeenya ta’uu danda’u hojjetamuu yaadachiisaniiru.

Dubartoonni inisheetiiviiwwan Misooma Kooriidarii, Ashaaraa Magarsiisaa, Maaddii Guutuu fi kanneen biroo keessatti adda durummaan hirmaachuufi fayyadamuu eeraniiru.

Dhaabbileen ijoon hoggansa dubartootaan akka hogganaman taasifamuun bu’aa qabeessummaa jijjiiramichaa kan agarsiisu ta’uus obbo Adam Faaraah dubbataniiru.

Mirga filuufi filatamuu fayyadamuun dubartoonni hirmaannaa siyaasaa isaanii mirkaneessuu akka qabanis dhaamaniiru.

Nagaa eegsisuurra darbee filannoon kun olaantummaa yaadaa irratti kan hundaa’e akka ta’uuf dubartoonni qooda olaanaa qabaachuus kaasaniiru.

Dabalataanis, dargaggoonni filannoo irratti hirmaannaa ho’aa akka taasisaniif qooda isaanii bahachuu akka qabanis hubachiisuu isaanii odeeffannoon Waajjira Paartii Badhaadhinaa irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply