AMN PLUS – Guraandhala 24/2018
Seenaan kan yaadatamu gootummaa lolaa qofaan osoo hin taane, bu’uura beekumsa dhalootaa bocuu ni dabalata.
Qabsoo bilisummaa keessatti gumaacha kan qaban Garasuu Dhukii diina injifachuuf beekumsi meeshaa jalqabaati yaada jedhun qaban ture.
Har’a manni jireenyaa isaanii gara ‘Koolleejjii Indaastirii Dajjaazmaach Garasuu Dhukitti jijjiiramee wiirtuu ce’umsa teekinooloojii ta’eera.
Ilmi isaanii Taaboor Garasuu turtii AMN Dijiitaal waliin taasiseen waa’ee jaalala biyyaa abbaa isaanii, ilaalcha barnootaafi amala dhuunfaa abbaan isaanii qaban ibseera.
Taaboor Garasuu waa’ee abbaa isaa yommuu dubbatu barnootaaf kabaja guddaa akka qaban kaasa.
Abbaan isaanii ijoollee baayʼee akka jaallatu kan himan Taaboor, “barnootaan akkan cimuuf abdii guddaa narraa qabu ture jedhan.
Dajjaazmach Garasuu “osoo nutis barannee warri adiin akka nu hin caalle cimsee amana ture” jedhaniiru.
Abbaan isaa sodaa akka hin jaalanne kan himan ilmi Garasuu, Yeroo isa cinaa rafaa turetti yoo waa sookokse kan rifatu gootummaa fi ija jabina isaa barsiisuuf yaalaa akka ture dubbata.

Abbaan isaanii Saree Duuchee jedhanii moggaasan kan qaban yoo ta’uu, maqaan sunis maqaa masoo mootii Xaaliyaanii kan Mussooloonii akka ture yaadachiisaniiru.
Yeroo waraanni jalqabu “faashistootaan hin bullu” jedhanii kutannoodhaan namoota ka’an shan keessaa tokko akka abbaa isaanii ture Taaboor Garasuu himeera.
Gootummaan kun guddachaa deemuun loltoota gara kuma 50tti gaggeessuutti akka ga’anis ibsaniiru.
Injifannoon Adwaa uummata gurraachaaf miira ni danda’ama kan uumeefi ilaalcha gadi aantummaa kan cabse seenaa boonsaa akka ta’es himaniiru.
Gaaffii barattootni kaasaniin manni gooticha durii amma giddu gala teekinooloojii dargaggoota ta’uun isaa maatii kanaaf kabaja guddaa ta’uun kan ibsame namoota baay’ees daran akka gammachiise ibsameera.
Hoggantootniifi Kabajamoo Kantiibaa Adaanech Abeebee gaaffii barattootaa sana fudhatanii hojiitti jijjiiruun, mana jireenyaa Garasuu Dhukii koolleejjii teekinikaafi ogummaa ta’uun akka tajaajilu taasifamuun isaa Hawwii gootichi kun barnootaan qabu kan dhugoomse ta’uun isaa daran akka gammachiise ilmi isaanii dubbataniiru.

Dajjaazmaach Garasuu Dhukii naamusa hojiif kabaja guddaa akka qaban kan himan ilmi isaanii malaammaltummaa haalan balaaleeffatu ture jedhaniiru.
Abbaan isaanii nama mindaa isaa qofaan jiraatuufi mana bareedaa ijaaruuf kan hin hawwine caalaa uummatni daandiifi barnoota akka qabaatuuf qabsaa’aa akka ture Taaboor yaadachiiseera.
Taaboor Garasuu bara biyya alaa jiraachaa turetti hawwiifi jaalala biyya isaaf qabu caalmaatti hubachuuf akka dhufe kan dubbatu, “akka abbaa koo dhiiga koo dhangalaasuu baadhus har’a biyya kootiif yoon du’e nan gammada” jedhaniiru.
“Gammachuun natti dhagahamu gaafa Abbaa koo yoo kabajaniifi yeroo maqaa isaa waaman dhaga’uun koo hedduu na gammachiise” jedhaniiru ilmi Garasuu Dhukii Taaboor.
Shuumii Badhaasootiin