Manni Murtii ol Iyyannoo Magaalaa Finfinnee AMN sagalee dhalootaa waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu ibseera.
Pirezidaantii itti aantuun Manni murtichaa Aadde Firaa’ol Tolasaa AMN miidiyaa guddicha magaalaan Finfinnee qabdu tahuu eeruun yeroo gara yerootti teeknooloojiin of fooyyessaa tajaajila hawaasni barbaadu dhiyeessaa jiraachuu himan.
Manni murtii ol iyyannoo Magaalaa Finfinnee kana duras AMN Waliin beeksisoota gara garaa hojjechaa turuu kan yaadachiisan Aadde Firaa’ol, fuuldurattis tajaajila manni murtichaa kennaa jiru ilaalchisuun AMN waliin hojjechuuf karoora qabaachuu ibsaniiru.

Dhumarrattis Manni murtii kun meeshaalee elektirooniksii tajaajila miidiyaaf oolan birrii miliyoona 1fi kuma 700 baasan AMN’f kennaadhaan arjoomeera.
Kennaa kanas AMN bakka bu’uun kan fuudhan AMNtti Hoji Raawwachiisaa Itti Aanaafi Gorsaan Damee Teekinooloojii obbo Fitsum Araddaa kennaa taasifameef mana murtichaa galateeffataniiru.
AMN’s Mana murtii ol iyyannoo Magaalaa Finfinnee waliin hojjechuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Darajjee Bayyanaatu gabaase