Magaalaa Finfinneetti waliigalaan pirojektoonni birrii tiriiliyoona 1.3 baasan tumsa mootummaafi damee dhuunfaatiin ijaaramaa jiraachu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee himan.
Kantiibaa Adaanech sadarkaa hojii misooma qarqara laggeenii irra gahe ilaalchisee AMN waliin turtii taasisaniin, maddi bajata misooma Finfinnee, uummata akka ta’e eeran.
Kutannoo misoomaa jiraattonniifi hoggansi qabuun seenaan magaalaa Finfinnee jijjiiramaa jiraachuus himan.
“Galii jiraataa Finfinneerraa sassaabamu osoo hin qisaasessin sirnaan fayyadamuun magaalaafi biyya ijaaraa jirra” jedhaniiru Aadde Adaanech.
Tumsi waloo kunis yaadama ‘pirojektoota gurguddoon biyyoota addunyaa 3ffaaf hin danda’amu’ jedhu jijjiiruun akka danda’amu qabatamaan agarsiisuu Kantiibaa Adaanech kaasaniiru.

Kana malees wal amantaan mootummaafi damee dhuunfaa ka yeroo kamiiyyuu caalaa kan cine misooma waloo Finfinnee tumsaan hojjetamuun ta’uus eeran.
Maddi faayinaansii galii uummatarraa sassaabamu, kan hogganes isa uummata keessaa ba’e, kan hojjetes lammiidhuma biyyaa ta’uu himan.
“Deeggarsi alaa tokkollee misooma kanaaf hin oolle, galiin uummtarraa sassaabamu hin hatamu, misooma waaraa dhaloota dhufuuf ta’urra oolfama” jedhaniiru.
Bajata magaalaa Finfinnee keessaa %71 bajara kaappitaalaarra akka oolu Aadde Adaanech Abeebee ibsaniiru.
Malkaamuu Abbabaatu Qindeesse