Finfinneen agarsiisa bishaanii nam-tolchee Afrikaarraa guddicha ta’e xumuraa jirti- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Finfinneen agarsiisa bishaanii nam-tolchee Afrikaarraa guddicha ta’e xumuraa jirti- Kantiibaa Adaanech Abeebee

‎AMN PLUS- Amajjii 5/2018

Magaalaa Finfinnee keessatti agarsiifni fincaa’aa bishaanii nam-tolchee (faawunteenii) akka Afrikaatti guddichi hojjetamuu isaa Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.

Sadarkaa Misooma Qarqara Laggeen Finfinnee ilaalchisuun AMN waliin turtii kan taasisan Aadde Adaanech, ‎”Finfinneen laggeen 76 qabaattus, yeroo dheeraaf balfi dhangala’aan kan itti gadhiifamu ta’uun Finfinneef eebbaa ta’uu hin dandeenye” jedhan.

Bara jijjiiramaa as Finfinnee miidhagsuuf kaka’umsa Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad jalqaban humna uummata Finfinneetiin qarqara lagaa KM 47 misoomsuu kan eegalame bara darbe ta’uu ibsaniiru.

Misooma Inxooxxoorraa kaasee haga Piikook gahuun hojiin laga qulqulleessuun lubbuu itti horuu milkaa’aa jiraachuu kaasan.

Magaalaa Finfinnee keessatti qarqara laggeeniifi iddoowwan bashaannanaa hawwasaaf mijaawaa ta’anitti fincaa’aan bishaanii (faawunteenii) hedduun hojjetamuu himan.

Paarkiiwwan Finfinnee gara 7tti guddisuun misooma qarqara laggeeniin akka walitti hidhatu taasifamuu himan.

‎Dabalataniis yaada Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) maddisiisaniin hootela Giyoon cinaatti agarsiisni bishaanii guddichi xumuramaa akka jirus eeraniiru.

Agarsiisni ammayyaa ibsaawwaniin dabaalame kun daawwattoota alaa haalaan harkisuun galii damee Turizimii akka guddisu eeran.

‎Daawwannaa namootaaf haala tolutti naannaawaa fincaa’aa bishaanii kanatti teessoon irra taa’anii daawwatan akka hojjetames kaasaniiru.

‎Keessattu agarsiisni fincaa’aa bishaanii kuni galgala ibsaa halluu adda addaa qabuun fincaa’uun kan dambali’uu haawasa daawwatuuf miidhaginaan hawwata akka dabaluus dubbataniiru.

‎Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply