‎Qabeenyi birrii Biiliyoona 5 caalu Balaa irraa baraarameera- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing ‎Qabeenyi birrii Biiliyoona 5 caalu Balaa irraa baraarameera- Kantiibaa Adaanech Abeebee

‎AMN PLUS-Amajjii 29/2018

‎Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee gabaasa raawwii hojii baatii jahan darbanii Bara 2018 har’a Miseensota Mana Maree Magaalichaaf dhiyeessaniiru.

‎Baatiiwwan Jahan darbanitti balaa ibiddaa fi balaa tasaa ittisuu fi to’achuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaniin balaa gara garaa 325 irratti deebii hatattamaa kennuun qabeenya Birrii Biiliyoona 5 olitti shallagamu balaa irraa baraaruun kka danda’ame Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsaniiru.

‎Kantiibaa Adaanech walga’ii idilee 2ffaa bara hojii 5ffaa Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinneef gabaasa dhiyeessaniin, bulchiinsi magaalichaa sodaa balaa tasaatiif deebii itti fufiinsa qabu cimsee kennuuf maallaqa (fund) sassaabuu fi bulchuuf kan dandeessisu seera baasee sirna diriirsuun hojjechaa akka jirus ibsaniiru.

‎Haaluma kanaan Birrii miiliyoona 30 maallaqaan, miiliyoona 24 akaakuun, midhaan kuntaala 464 kuusaa tarsiimoo (strategic reserve), akkasumas wantoota nyaataaf oolan kuntaala 413 walumaan galatti, birriin miiliyoona 110 olitti shallagamu walitti qabamuu isaa kaasaniiru.

‎Kunis, balaa uumamuu danda’u dursanuu ofiin deebii kennuun deeggarsa namoomaa mirkaneessuuf hojii bal’inaan hojjatame ta’uu Kantiibaa Adaanech Abeebee dubbataniiru.

‎Shuumii Badhaasootiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply