Nama dhuunfaa waajjira garaagaraa seenuun meeshaalee butaa ture to’annoo jala oolcheera jedhe Poolisiin Finfinnee

You are currently viewing Nama dhuunfaa waajjira garaagaraa seenuun meeshaalee butaa ture to’annoo jala oolcheera jedhe Poolisiin Finfinnee

AMN PLUS – Guraandhala 23/2018

Nama dhuunfaa bakkeewwan garaagaraatti waajjira seenee meeshaalee akka Laaptooppii, Taableetootaafi Bilbiloota Moobaayilaa hataa turee Tajaajila Odeeffannoofi Nageenya Biyyaalesssaa waliin tahuun to’annoo jala oolchuu Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Finfinnee Beeksiseera.

Namni dhuunfaa Biiniyaam Suraafel jedhame kun biirolee hojii garaagaraa seenuun Laaptooppii, Taableetootaafi Bilbiloota Moobaayilaa garaagaraa hataa kan ture yoo tahu Kutaa Magaalaa Boolee Aanaa 04 bakka addaa naannawaa Mana Amantaa Arseemaa mana kireeffatee da’eeffate keessatti to’annoo jala oolu danda’eera.

Shakkamichi kanaan dura magaalatti bakkeewwan garaagaraatti biirolee seenuun meeshaalee elektirooniksii adda addaa osoo hatuu suur-sagaleewwan (Viidiyoowwan) agarsiisan moosaajii hawaasni ittin poolisiif eeru kennu (Citizen engagement Application) EFPApp akkasumas toora miidiyaalee garaagaraan eeruun qaqqabaa turuu poolisiin ibseera.

Kana dura shakkamichi osoo to’annoo seeraa jala hin ooliin akka waan to’atamee taasifamee odeeffannoon sobaa miidiyaa hawaasaan ibsamaa ture shakkamaan dafee to’annoo jala akka hin oolle lafarra harkisuus deeggarsa teeknoloojii dabalatee hordoffii taasifamaa tureen har’a to’annoo seeraa jala ooluun ibsameera.

Namni dhuunfaa kun kanaan dura yakka raawwatee nu jalaa miliqeera warreen jedhan Qajeelcha Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinneetti Qaamaan Argamuun odeeffannoo kennuu akka danda’an waamicha kan dhiyeesse Poolisiin Finfinnee namoota odeeffannoo sobaa qoodan tokko tokko hordofuu caalaa hawaasni dhimmoota Poolisiin kennaman akka hordofu qabus odeeffannoo AMN’f ergeen ibseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply