AMN PLUS – Guraandhala 28/2018
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Guyyaa Dubartootaa Idil Addunyaa sababeeffachuun balallii dubartoota qofaan durfamu qopheessuu beeksise.
Daandiin Qilleensichaa akka ibseetti guyyaa borii balalliin xiyyaaraa gara biyyoota 8 tti taasifamu balaliilstoota dubartootaa qofaan durfama jedheera.
Hoji Gaggeessaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa obbo Masfin Xaasoo qophicha bu’uureffachuun akka ibsanitti Daandiin Qilleensichaa guyyaa dubartootaa sababeeffachuun waan qophaa’u qofa osoo hin taane akka mana hojichaatti baay’inni ogeeyyiifi Hoggansa dubartootaa yeroodha gara yerootti dabalaa jiraachuu himaniiru.
Balaliistoota dubartoota guyyaa bori gara biyyoota Idil Addunyaa 8 tti tajaajila kennuuf qophaa’aniif sagantaan gaggeessa Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa kan taasiseef yoo tahu sirnicharratt Ministira Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Ergooggee Tasfaayee (PhD) dabalatee keessummootni garaagaraa waamichi taasifameef argamaniiru.
Guyyaan Dubartootaa akka Addunyaatti yeroo 115ffaaf akka Itoophiyaatti ammoo yeroo 50ffaaf Sirnoota garaagaraan kabajamaa jira.
Gabaasni kan Wangeel Faqqadaati