AMN PLUS – Guraandhala 29/2018
Pireezidaantiin Naamibiyaa Neetuumboo Naandii Nidaayitaay (PhD) balallii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa guutummaatti dubartootaan durfameef simannaa ho’aa taasisaniiru.
Daandiin qilleensaa Itoophiyaa guyyaa dubartootaa akka Idil Addunyaatti kabajame sababeeffachuun balallii dubartoota qofaan durfame biyyoota 8 tti kan taasise yoo tahu kanneen keessaa tokko balallii gara Misir Kaayirootti taasifame tahuun ibsameera.
Balalliin taasifame dandeetti hoggansaa dubartootaa,kutannoofi indaastirii Aveeshinii keessatti gahumsa qaban kan agarsiiseefi Misir Kaayiroo yommuu gahan simannaa ho’an taasifamuufis Daandiin Qilleensichaa ibseera.