AMN PLUS – Guraandhala 28/2018
Magaalaa Finfinneetti bakkeewwan daandii dhiphaa qabaachuun rakkoo yaa’insa tiraafikaa hammaataa qaban keessaa tokko kallattii daandii Uraa’el – Boolee Biraas geessudha.
Daandiin kun bakka dhaabbii konkolaataa kan hin qabne waan taheef konkolaataafi imaltootni miilaa wal faana deemuu irraan kan ka’e geejjibaaf kan hin mijanne ture.
Amma garuu rakkoo duraan ture seenaa kan taasise Teerminaalli Boolee VIP irraa hanga Uraa’elitti misoomni koriidarii 5.5Km bakka dhaabbii konkolaataa of-keessatti qabachuun ijaarame jijjiirama guddaa fideera.
Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Addis Miidiyaa Neetwoorkitti akka himanitti, bakki dhaabbii konkolaataa lafa jalaa 15 kan qophaa’e tahuu fi gamoowwan kanaan dura bakka dhaabbii waliin ijaaraman garuu tajaajila hin eegalle lakkoofsaan 100 ta’an akka tajaajila kennan taasifamuu himaniiru.
Bakkeewwan dhaabbii konkolaataa 115 kunneen yeroo tokkotti konkolaattota kuma 2 tajaajiluu kan danda’an tahuu Aadde Adaanech himaniiru.
Akka kantiibaan jedhanitti konkolaattootni 1,100 gamoolee keessa dhaabuun kan danda’amu yoo ta’u, konkolaattootni 900 ammoo ala dhaabuuf akka tolutti hojjetameera.
Tokkoon tokkoon buufata konkolaataa buufata chaarjessa konkolaataa elektirikaa 56 kan qabu yoo ta’u, buufataalee chaarjessa dabalataa ijaaruuf karoorfameera.
Yaa’insi tiraafikaa mijataa akka ta’uuf teerminaalootni taaksiifi awutoobusiis haaromfamuu isaanii kantiibaa Adaanech Abeebee ibsaniiru.
Daraartuu Tarreessaatiin