AMN PLUS – Guraandhala 28/2018
Misoomni Finfinnee kan irra magaalattii waan mul’atuuf malee lafa jalatti kan hojjetame waa hedduudha jedhan Kantiibaan Magaalattii Aadde Adaanech Abeebee.
Misooma koriidarii qarqara laggeenii dabalatee irri Finfinnee waan ijaan mul’atuuf haa dinqiisifatamu malee bu’uuraalee misoomaa magaalaaf baay’ee murteessoo lafa jalatti hojjetamanis waa baay’ee guuttattee qabaachuu Aadde Adaanech ibsaniiru.
Magaalaan tokko sadarkaa magaalaa Idil Addunyaa guuttee argamuuf sirni ittin balfa dhabamsiistu ulaagaa tokko tahuu kan ibsan Kantiibaa Adaanech misooma koriidarii hojjetame keessatti Finfinneen hojiitti hiikuu dubbataniiru.
Kanaan dura sararootaafi utubaa haada elektirikaa baatu (poolii ibsaa) dabalatee hedduun isaanii gamoowwanillee bakka ilbisootni itti wal horan turan jechuun kan yaadachiisan Aadde Adaanech amma garuu sun hin jiru baasii guddaa gaafatus bakka qabatee irra caalaan isaanii qaama misooma koriidarii tahuun lafa keessa dhokfamuun hojjetamuu eeraniiru.

Bu’uuraalee misoomaa Itiyoo Teeleekoom dabalatee bu’uuraaleen misoomaa duraan hatamaa turan amma lafa keessa dhokfamuun misooma koriidariin bakka maluuf argachuun akka tajaajilan tahus Kantiibaa Adaanech hubachiisaniiru.
Kaameeraan hordoffii nageenyaallee misooma koriidariin lafa keessa dhokfamuun hojjetamuun nageenya jiraattotaafi turistoota gara Finfinnee dhufaniif haala mijataa uumuunis ibsameera.
Misoomni magaalaa tajaajila waloof kan oolu, gaalii magaalaa kan guddisu, turistoota kan hawwatu akkasumas carraa hojii dabalataas Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee kaasaniiru.
Misooma qabatamaan Finfinneen dhandhamaa jirtu keessatti yaada bu’uuressuu irraa eegalee Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) hojichi akka fiixaan bahuuf tumsa taasisaniif kan galateeffatan Aadde Adaanech Abeebee jiraattotni magaalattiis kallattiifi al-kallattiin deeggartoota misoomaa tahuun galata qabaachuu ibsuun imalli badhaadhinaa Finfinnee itti fufa jedhaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin