Himatamaan mucaa jaalallee isaa gudeeduun ajjeese du’aan akka adabamu itti murtaa’e- Poolisii Finfinnee

You are currently viewing Himatamaan mucaa jaalallee isaa gudeeduun ajjeese du’aan akka adabamu itti murtaa’e- Poolisii Finfinnee

AMN PLUS Guraandhala 10, 2017

Himatamaan shamaree umrii waggaa 17 Adoonaayit Yiheeyis jedhamtu gudeeduun ajjeesuun himatame murtoo du’aan akka adabamu itti murtaa’e.

Yakki kun Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Araadaa Aanaa 8tti kan raawwatame yoo ta’u, namni Mikaa’el Shimallis jedhamu jaalallee isaaf mucaa kan taate Adoonaayit yeroo gara garaatti gudeedaa ture.

Guyyaa Fulbaana 19, 2017 ammoo maaliif gudeeddii kana poolisiif himte himata bante jechuun cuubeen bakka 16 waraanee ajjeesuu himameera.

Tumsa uummataan to’annaa jala erga oolee boodas qorannoo Poolisiin geggeesseen, himatamaan kun bara 2005-2007tti yeroo shamareen kun umrii ganna 10 turte waamee suuqiitti si erga jechuun irra deddeebiin gudeedaa akka ture irra ga’ame.

Namtichi jaalallee haadhashee waan ta’eef nama tokkotti yoo himte abbaaf haadha keen ajjeesa jechaa doorsisaa akka tureefi ati yoo dubbatte waan raawwanne hunda waraabeera waan ta’eef interneetii irratti gadhiisa jechuun sodaachisaa akka tures galmeen himata kanaa ni ibsa.

Poolisiin ragaalee sassaabe kana himatamaan amanuun bakka yakka raawwate dhaqee waan hundumaas dhugaa ofirratti bahuun Manni Murtii Olaanaan Federaalaa dhaddacha Mudde25, 2017 ooleen murtoo balleessaa irratti dabarse.

Himatamaa Mikaa’el Shimallis yakka ajjeechaa suukkanneessaa raawwateen murtoo du’aan akka adabamu irratti murtaa’uus Odeeffannoon Poolisii Finfinnee irraa arganne ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply