Marii Addunyaan hawwii guddaan eegaa turte waliigaltee malee xumurame

You are currently viewing Marii Addunyaan hawwii guddaan eegaa turte waliigaltee malee xumurame

AMN PLUS Gurandhala 22/2017

Marii Pireezidantiin Yuukireen Volodimiir Zeleniiskii fi Pirezidaantii Amererikaa Doonal Tiramp addunyaan eegaa turte kan waliigaltee malee xumurameera.

Tiraampi akkama masaraa ‘White House’ seeniin deggarsa Ameerikaan maallaqaa Pirezidaantiin duranii Joo Baayidan Yuukireeniif taasisan doolaara biliyoona 500 albuuda gatii guddaa qabu akka kaffaltu murteessuun isaani ni yaadatama.

Haasaan Pirezidaantota lamaan taasisan marii osoo hin ta’iin, mormii akk fakkaatu midiyaleen addunyaa garaagaraa gabasaa jiru.

Pirezidaant Donald ammoo tapha lola Addunyaa 3ffaan tapha taphachaa jirta jachuun dubbatuus waliigaltee irra gahuu hin dandeenye.

Pirezidaantii Yuukureen masaraa warra Adii White House keessatti isaan salphise jachuun gabaafamaa jira.

Mariin pirezidaantota lamanii waligalteerra osoo hin ga’amiin Volodimiir Zeleniiskii gara biyya isaanitti deebi’anuu isaanii bal’inaan gabaafama jira.

Tolasaa Mabraatetu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply