AMN PLUS Guraandhala 23/2017
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee baga geessanii kabaja guyyaa yaadannoo injifannoo Adwaa 129ffaa dabarsaniiru.
Aadde Adaanech fuula marsaa hawaasaa isaanitiin ergaa dabarsaniin, injifannoon Adwaa seensa waloo dhaloota dhufuu akka ta’e eeraniiru.
Injifannoon Adwaa mallattoo sabadaneessummaa Itoophiyaanotaa, madda ni danda’amaa fi seensa waloo dhaloota dhufuuti jedhaniiru.
Guyyaa injifannoo Adwaa yeroo kabajnu, hafuura tokkummaa fi carraa injifannoo uumee kanaan badhaadhina Itoophiyaa mirkaneessuuf kutannoo qabnun akka ta’u waamicha dhiyeessaniiru.