AMN PLUS- Guraandhala 25/2018
Ejensiin Galmeessa Siivilii fi Tajaajila Jireenyaa magaalaa Finfinnee galmeessa taateewwan magaalattii akkaataa istaandaardii idil-addunyaatiin galmeessisuuf hojii qindoomina qabu hojiirra oolchuusaa beeksise.
Itti aanaan Daayreektara Olaanaa Ejensichaa Obbo Xigaabuu Shumey AMN Digital’tti akka himanitti, ejensichi qooda fudhattoota adda addaa waliin ta’uun dhaloota, gaa’ela, hiikka gaahelaa, guddifachaa fi du’a sirnaan galmeessisuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Adeemsa galmee kana bu’a qabeessa taasisuuf, ejensichi dhaabbilee fayyaa galmee dhalootaa 147, akkasumas Manneen Murtii Sadarkaa Duraa Federaalaa 11 Finfinnee keessatti argaman waliin galmee hiikkaa gaahelaa fi guddifachaaf hojjechaa jiraachuus Obbo Xigaabuun ibsaniiru.
Itti aanaan daayreektarri muummichaas sirna taateewwan hatattamaan galmeessuuf hayyamu diriirsuuf manneen barnootaa, dhaabbilee amantaa fi poolisii waliin walitti dhiheenyaan hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Akka Obbo Xigaabuun ibsanitti, sirni galmee kun bakka gurguddoo sadiitti qoodama; inni jalqabaa “galmee ammaa” yoo ta’u, kunis tajaajila taatee dhalootaa guyyoota 90 keessatti, akkasumas gaa’ela, wal hiikkaa, guddifachaa fi du’a guyyoota 30 keessatti raawwatamudha.
Galmeen taatee sana booda waggaa tokko keessatti raawwatamu “galmee booda” jedhamee kan ramadamu yoo ta’u, taateewwan waggaa tokkoo ol ta’an ammoo “galmee yeroon isaa darbe” jedhamee ramadama.
Galmeen taateewwan murteessoo ta’an kun qulqullina odeeffannoo istaatiksii biyyattii, rogummaa seeraa, fi hojii bulchiinsa waliigalaatif barbaachisummaa guddaa akka qabu Obbo Xigaabuun ibsaniiru. Haa ta’u malee, istaatistiksii biyyaalessaatiif akka galteetti kan oolu daataa yeroo galmee yeroon fi harkifate keessatti galmaa’e qofa ta’uu hubachiisaniiru.