AMN PLUS – Guraandhala 25/2018
Fuulbarruun ‘Archdaily’ jedhamu waa’ee ogummaa ijaarsa gamoowwan magaalaa Finfinnee keessatti argamaniifi erga hojjatamanii waggoota hedduu lakkoofsisanii kaasuun dubbistoota isaaf qoodeera.
Baatii tokkoo dura badhaasni ogummaa ijaarsaa irratti fuuleffate dhaabbata ‘World Monuments Fund/Knoll Modernism Prize’ jedhamu irraa garee ogeeyyii ijaarsaa ‘Architectus’ jedhaman lammummaa Awustiraaliyaa qabaniif kennamuu barruun kun kaaseera.
Seenaa Itoophiyaa keessatti hundeeffama Finfinnee bara 1886’tti achi deebi’uun kan yaadachiisu barruun qaroomina jaarraa giddu galeessaa, jalqabamuu jaarraa digdamaffaa fi isa booda kan jirus gabaabsee eeruun, Finfinneetti gamoowwan dhaabbilee Afriikaafi Addunyaa bakka bu’an akkasumas ammayyummaa ibsan ijaaramuu hubachiiseera.

Fuulbarruun ‘Archdaily’ jedhamu Gamoowwan Finfinnee keessa jiran keessaa Komiishinii Diinagdee Afriikaa (ECA) fudhachuun galma dippiloomaasii biyyoota Afriikaa gita bittaa kolonii jalaa bilisa ba’anii ta’uu irra darbee akka siidaa tokkummaa Afriikanotaattis ilaalamuu kaaseera.
Gamoon Gamtaa Afriikaas ogummaa ijaarsa ammayyaan kalaqamuu ibsuun ogummaan fakkiis miidhagina dabalataa tahuu eeruun gamoon kun haala ijaarsa isaa jalqabaa osoo hin gadhiisin eegumsi taasifamaafii kan ture ta’uu akeekeera.
Barruun ‘Archdaily’ kun Gamoon Waajjiraalee Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Birbirsa Gooroo gara Daandii Charchil geessu dabalatee waajjirri Kantiibaa Finfinnee bakka bal’aa irra buufate Masaraa Mootummaa fakkeeffamee ijaaramuu, galmoota walga’ii, siiniimaa, tiyaatira, mana kitaabaa, resturaantii, bakka bashannana garaagaraafi waajjiraalee ofitti hammachuun kan ijaarame tahuu yaadachiiseera.
Ogummaa Ijaarsaa Itoophiyaa, keessumaa Finfinneetti gaggeeffame waliin wal qabatee maqaan Arkiteekti Mikaa’eel Teediroos baay’inaan kaa’a. Ogeessi Ijaarsa ammayyaa kun barnoota isaa Ingiliziifi Ameerikaa Yunivarsiitii Peenisiilvaaniyaatti barachuun manneen barnootaa Finfinneetti argaman hedduu gatii gadi aanaan ijaaruu seenaan yaadachiiiseera.

Hojiiwwan isaa akka Hora Finfinnee fi Hoteela waliin ijaarameen wal qabsiisee ibsuun Ogummaan isaa addatti ammoo ijaarsa mana murtii giddu galeessaa kan magaalaa Finfinneetti hojjatameefi haga yoonaa tajaajila kennaa jiruun ba’ee mul’achuu hubachiiseera.
Gamoowwan Ammayyaa’oo jaarraa giddu galeessaa keessa miidhagina Finfinnee dabalan keessaa Gamoo Waajjira Ministeera Dhimma Alaa ta’uu eeruun kunis Arkiteektii Israa’el Zaalmaan Enaav jedhamuun ALA’tti bara 1964 ijaaramuu ifoomsa. Gamoon modeela Waajjira UN Niiwyoorkitti argamuun ijaarame kun akka ibsama qaroominaatti fudhatamaa tureera.
Barruun kun Gamoowwan akka Baankii Daldalaa, Tiyaatira Biyyaalessaa, Godaambaa Biyyaalessaafi Mana Kitaabaa Kenedii kan Yuunivarsiitii Finfinnee mooraa Guddicha Caffee Araaraatti argamu keessa jiru akka ijootti kaasuun irra deebiin yaadachiiseera.

Gamoowwan kunneen miidhagina, qulqullinaafi sadarkaan ogummaa ijaarsaa Finfinnee keessatti bakka gahe agarsiisuu irra darbee akka siidaawwan yaadannoo tokkummaa, birmadummaa Afriikaafi aasxaa Paan-Afriikaanizimii akkasumas madda qorannoofi qo’annootti kan ilaalaman ta’uu hubachiiseera.
Yeroo ammaas Finfinneen misooma koriidarii, qarqara laggeenii, ijaarsa daandiiwwan garaagaraafi gamoowwan ogummaa yeroon irra gaheen ijaaraman hedduu of-keessatti hammachuun faayamtee, hawaasa idil addunyaa hawwachuu itti fufteetti jechuun Fuulbarruun ‘Archdaily’ jedhamu ibseera.
Malkaamuu Abbabaatiin