AMN PLUS- Bitootessa 10/2017
Leenjisaan Garee Biyyaalessa Ameerikaa Moorisiyoo Poochitiinoon waancaa addunyaa bara 2026 qopheessummaa USA,Kanaadaa fi Meeksikoon gaggeeffamu irratti hirmaannaa garee isaanii yoo ibsan yoo xiqqaate walakkaa xumuraa gahuuf ni morkanna jedhan.
Gama biraan gareen biyyaalessaa Ameerikaa gahumsa waancaa addunyaa injifatu irratti argamaa? Gaaffii jedhuuf deebii kan laatan, Poochitiinoon deeggarsa Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi deeggartoota isaanin ni injifanna jedhan.
Gara fuula duraatti garee biyyaalessaa USA garee biyyaalessaa addunyaa irraa lakkoofsa tokko ta’e gochuuf akka hojjetanis himan.
Leenjisaan duraanii Tootinhaam,Cheelsii fi PSG,Moorisiyoo Poochitiinoon bara 2024 irraa eegalee garee biyyaalessa USA leenjisuu irratti argamu.
Misikkir Alamaayyootiin