‘Waggoottan jijjiramaa 7 darban galiin Magaalaa Finfinnee harka 8’n dabaleera’- Adaanech Abeebee

You are currently viewing ‘Waggoottan jijjiramaa 7 darban galiin Magaalaa Finfinnee harka 8’n dabaleera’- Adaanech Abeebee

AMN PLUS- Bitootessa 26/2017

Waggoottan jijjirama 7 darban galiin Magaalaa Finfinnee harka 8’n dabaluusaa Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsan.

Bulchiinsi Magaalichaa bara 2010 birrii biiliyoona 30 walitti qabe, bara kana hanga ji’a Bitootessaatti galiin birrii biliiyoona 100 fi biiliyoon 50 oli walitti qabameera, hanga xumura bara bajataa kanaatti birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 30 oli walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebee.

Galiin magaalatti kan guddate hawaasa magaalatti irratti gibira fe’uun osoo hin ta’iin haqa qabeessumma gibiraa hojiirra olchuun akka ta’es kantiibaa Adaanech himaniiru.

Akka magaalaa finfinnetti bu’uura galii bal’isuun keessumaa kenneen sirna gibiraa keessa hin galiin gara sirnaatti galchuun haqa qabeessummaa mirkaneessuun akka danda’ame eeraniiru.

Haata’u malee hanga ammaatti galiin walitti qabame hanga galii maddisiifamuu qabu waliin yoo madaalamu gahaa waan hin taaneef fuulduratti xiyyeeffannoon irratti ni hojjetama jedhaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply