Israa’el Gaazaa dhuunfachuuf murteessuu hordofe hawaasni idil-addunyaa maal jedhe?

You are currently viewing Israa’el Gaazaa dhuunfachuuf murteessuu hordofe hawaasni idil-addunyaa maal jedhe?

AMN PLUS- Hagayya 02/2017

Manni Maree Nageenyaa Israa’el Waraana Gaazaa goolabuuf magaalattii guutummaan dhuunfachuutu fala jedhee murteessuun ni yaadatama.

Murtoo kana hordofees dureewwan biyyoota addunyaafi dhaabbileen garaagaraa ejjennoo isaanii dhageessisuun, kaan isaanii ammo Israa’eliif waamicha dhiheessaa jiru.

Pirezidaantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Orsulaa Vonderlaayen, Israa’el murtoo kana irra deebiin xiinxaluu qabdi jedhan.

‘’Amma dhukaasa dhaabuutu barbaachisa, gargaarsa namoomaaf karri banamuu qaba, lammiileen Israa’el Ukkaamfamanis gadhiifamuu qabu’’ jedhaniiru.

Ministirri Muummee UK Keer Istaarmer murtoon kun dogoggora, rakkoo Gaazaa caalmaa waan hammeessuf irra deebiin xiinxalamuu qaba jedhan.

Hamaas gama isaan murtoon kun “Guutummaan Yakka Waraanaati’’ jedheera.

Gaazaa seenuun akka Paarkii keessa imaluu miti kan jedhe Hamaas, yoo ni dhufu ta’e deebii hamaatu isaan eeggata jechuun ibsa baaseera.

Hamaas dabaluun, US Israa’eliif deeggarsa siyaasaa fi waraanaa kennuu isheetiin weerara dhufuun itti gaafatamummaa guutuu fudhatti jechuun, Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomaniifi Manneen Murtii Idil-addunyaa karoorri kun akka dhaabbatu socho’uu qabu jedheera.

UNtti Hogganaan Mirga Namoomaa Voolker Turk karoorri kun gidiraa hin tilmaamamne ummata Paalaastaayin irraan gaha jedhan.

Jiraattonni Gaazaa ammoo, karoorri Gaazaa dhuunfachuuf bahe kun “Murtoo du’aa Lammiilee Paalaastaayin irratti labsamedha” jedhan.

“Humni Israa’el Gaazaa seennaan namni lubbuun hafu hin jiraatu, Yookiin boombiin dhumna, yookiin beelatu nu ajjeesa” kan jedhu sodaa qabu.

Denmaark, Chaayinaa, Poorchugaal, Beeljiyeemiifi Neezerlaandis Israa’el murtoo kana akka dhaabduufi gara dhukaasa dhaabuutti akka dhuftu gaafataniiru.

Maddi: BBC

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply