Hojiiwwan qabatamaan qonnaan bultoota fayyadamoo taasisaniif xiyyeeffannoon kennameera – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Hojiiwwan qabatamaan qonnaan bultoota fayyadamoo taasisaniif xiyyeeffannoon kennameera – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

‎AMN PLUS – Ebla 08/2018

‎Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) hojiiwwan qabatamaa qonnaan bultoota fayyadamoo taasisaniif xiyyeeffannoon kenname hojjetamaa jiraachu ibsan.

‎Ministirri Muummee sirna eebba pirojektii maddisiisa humna qilleensaa Asallaa irratti haasawaa taasisaniin, imalli badhaadhinaa Itoophiyaa haala kamiinuu kan hin dhaabbannee, bu’uura cimaa irratti kan ijaarame ta’uu ibsaniiru.

‎Biyyattiin rakkoo liqaafi raawwii pirojektootaa darbe keessaa baatee, amma garuu hojiiwwan qabatamaan qonnaan bultoota fayyadamoo taasisan irratti xiyyeeffachaa jiraachuu himaniiru.

‎Baroota darban keessa liqiin garaagaraa fudhamaa ture kaayyoo barbaadamuuf osoo hin oolin biyyattiin liqaa keessa akka seentu taasisuu yaadachiisanii, amma garuu liqaa fudhatameen pirojektootni xumuramaa, bu’aanis galmaa’aa jiraachuu ibsaniiru.

‎Asallaatti pirojektiin maddisiisa humna qilleensaa ijaarame daandii Kiiloo Meetira 27 ol ijaarame ta’uu isaa eeranii, kunis qonnaan bultoonni oomisha isaanii gara gabaatti akka geejibsiisaniif kan gargaaru ta’uu eeraniiru.

‎Hojiiwwan misooma koridarii baadiyyaa keessatti jalqabaman madda anniisaa aduu fi baayoogaazii, akkasumas babal’ina indaastirii qonnaa oomishaarratti hojjetan jireenya uummataa fooyyessuufi dubartoota dadhabbiirraa oolchuu keessatti shoora guddaa qabachuus Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) himaniiru.

Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply