Lubbuu waaqni oolcheef; harka qorichummaa ogeeyyii fayyaa

You are currently viewing Lubbuu waaqni oolcheef; harka qorichummaa ogeeyyii fayyaa

‎AMN PLUS – Ebla 08/2018

‎Daa’imni ulfaatinni isaa osoo hin guutin dhalatee carraa lubbuun turuun isaa gaaffii keessa seenee ture, ogeeyyiin fayyaa Hospitaala Xiqur Ambassaa baraaraniiru.

‎Dubbichi akkasi! Haati Daa’ima erga ulfaa’amee baatii 6 jechuunis torban 25 fi guyyaa 5 guute, umuriin ishee 36 ta’e Makkiyaa Kamaal, dhukkubbiin waan itti dhaga’ameef gara Buufata Fayyaa Kolfee Qaraaniyoo deemti.

‎Ogeeyyiin fayyaa buufata fayyaa kanaa haalli ishee wal’aansa fooyya’aan ilaalamuu waan qabuuf gara Hospitaala Xiqur Ambassaatti ergan.

‎Qajeelfamootni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa WHO akka mul’isanitti daa’imman ulfaatina gadi aanaan dhalatan, akka waan ulfi ba’eetti kan ilaalaman ta’uu hubachiisu.

‎Haa ta’u malee, haala ajaa’ibsiisaan daa’imni Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Xiqur Ambassaatti dhalate, yeroo dhalachuu qabu irraa baatii sadii dursee dhalate Giraama 900 qofa ta’uu Itti Gaafatamtuun Kutaa Yaalii Daa’immanii wal’aansi cimaa itti taasifamuu Siistar Xajjee Tufaa himaniiru.

‎Wayita Daa’ima dhalate kana argan abdii kan kutachiisu ta’ullee ogeeyyiin Hospitaalichaa tasuma harka hin kennine jedhu.

‎Tokkoon tokkoo sekondii dabartuu baraaramuu daa’ima kanaaf murteessaa waan turteef nuffii tokko malee Mudde 07/2018 irraa eegalee hanga Bitootessa 21/2018’tti wal’aansa baatii 03 ta’uuf taasisaniin ulfaatina daa’ima kanaa gara Kiiloo Giraama Tokkoo fi Giraama 800’tti guddisuun fayyaa guutuu akka qabaatu taasisuu ibsaniiru.

‎Qorannoon xumura irratti taasifames ija, gurraafi qaamoleen daa’ima haala ajaa’ibsiisaan baraarame Mahaammad Waabii hunduu nagaa ta’uu mirkanaa’eera.

‎Haati Mahaammad, Makkiyaanis, “mucaa koo nagaadhaan mana kootti fudhadheen galaa jira. Rabbi oolmaa keessan haa deebisu” jechuun ogeeyyii fayyaa kanneen galateeffataniiru.

‎Siistar Xajjeen haalotni akkanaa akka hin mudatneef, haati kamiyyuu hordoffii ulfaan duraafi yeroo ulfaa haalaan taasisuu akka qabdu ergaa dabarsaniiru.

‎Malkaamuu Abbabaati qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply