Damee hariiroo alaa cimsuuf haaromsa misooma qabeenya humna namaa irratti hojjetamaa jira – Ministeera Dhimma Alaa

You are currently viewing Damee hariiroo alaa cimsuuf haaromsa misooma qabeenya humna namaa irratti hojjetamaa jira – Ministeera Dhimma Alaa

AMN PLUS – Ebla 07/2018

Damee hariiroo alaa sadarkaa Idil Addunyaatti cimaafi qormaata kamiyyuu gahumsaan dandamachuu danda’u uumuuf haaromsa misooma qabeenya humna namaa irratti hojjechuun akka barbaachisu ibsameera.

Ministeerri Dhimma Alaa FDRI damee hariiroo alaa cimaa bu’uureessuuf sagantaan haaromsa misooma qabeenya humna namaa kan waggoota sadii itti aananiif hojiirra oolu ifoomsera.

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiwoos (PhD) dameen hariiroo alaa waggoota dheeraaf biyyattii tajaajilaa ture yeroo ammaatti dandeettii fi gahumsa dabalataa akka barbaadu ibsaniiru.

Yeroon ijaarsa dhaabbataa caalaa dippilomaatoota gahumsuun qopheessuu akka barbaachisu kan ibsan Ministirichi, milkaa’ina sagantaa misooma qabeenya humna namaa kana galmaan ga’uuf hordoffiifi deeggarsi barbaachisaan akka taasifamus himaniiru.

Ministirri Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee gama isaaniitiin addunyaa saffisaan jijjiiramaa jirtu keessatti, akkasumas jijjiirama biyyi barbaaddu waliin wal-qabatee Ministeerri Dhimma Alaa sadarkaa gahumsa irraa eegamu irra akka hin jirre himaniiru.

Kanaaf ammoo rakkooleen qorannoon adda baafaman jiraachuu kan kaasaan Ambaasaaddar Birhaanuun, gahumsa hoggansaafi wal jala jijjiiruuf sadarkaan dhabamuu, qacarri humna namaa yeroo turtii qofa irratti hundaa’uu, sirni madaallii hojjettootaa sirrin dhabamuu, tajaajila yeroo waliin deemuu kan teekinooloojiin deeggaramuu fayyadamuu dhabuun, akkasumas naannoon hojii mijataa dhabamuun isaanii rakkoolee muraasa ta’uu kaasaniiru.

Rakkoolee yeroo dheeraaf turan kanneen furuuf akkasumas hojii saffisaafi si’ataa diriirsuuf sagantaan haaromsa misooma qabeenya humna namaa barbaachisaa ta’uu isaas qorannoon kan akeeku waan ta’eef hojii irraa oolchuunis barbaachisaadha jedhaniiru.

Ministeerri Dhimma Alaa jijjiirama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa biyya keessatti mul’achaa jirufi haala Addunyaa saffisaan jijjiiramaa jiru waliin deemuuf imaammata hariiroo alaa haaraa, nageenya, badhaadhinaa fi hoggansa itti fufiinsa qabu kan calaqqisiisu ifoomsuun haaromsa dhaabbataa bal’aa gaggeessaa akka jirus ibsameera.

Gabaasni kan Abbuu Chaaleeti

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply