AMN PLUS – Ebla 08/2018
Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad pirojektii maddisiisa anniisaa qilleensaa Asallaa eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisuu ibsaniiru.
Dooktar Abiyyi ergaa miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin, dhiyeessii anniisaa qilleensaan dukkana dhabamsiisuuf pirojektiin maddisiisa anniisaa qilleensaa Asallaa qorannoo duraafi karoora addaa hojjenneen har’a dhugoomuun eebbifamuun tajaajilaaf banaa taheera jedhan.

Pirojektiin kun dhiyeessii humnaa qulqulluu Meegaa Waattii 100 dabaluun imala gara carraa humnaa damee hedduufi egeree ijaaruutti taasifnu cimsas hubachiisaniiru.
Kunis dhiyeessii humnaa amansiisaa mirkaneessuufi Itiyoophiyaa badhaate ijaaruuf kutannoo qabnu mirkaneessa jechuun ibsaniiru.
Pirojektii ijaarsa anniisaa ammayyaaf bu’uura tahe kana Naannoo Oromiyaa Godina Arsiitti argamnee wayita eebbifnu bu’aan hojii kana fakkaatu akka babal’atuuf agarsiiftuu tahaas Dooktar Abiyyi ibsaniiru.

Imalli dameewwan hundaan guddina Itoophiyaa galmeessuu cimee kan itti fufuufi caalchifnees kan hojjennu ta’a jedhaniiru.
Ministirri Muummee ergaa isaaniitiin kan yeroo kamiyyuu caalaa yeroon nuti itti guddaa taanu fagoo mitiis hubachiisaniiru.