Kalee Namtolchee Torbanoota 34 Turu danda’e

You are currently viewing Kalee Namtolchee Torbanoota 34 Turu danda’e

AMN PLUS – Hagayya 20/2017

Dameewwan dhalli namaa qorannoo fi qo’annoo irratti adeemsisu keessaa tokko qoricha dhibeewwan namarraa ittisan ykn guutumatti nama fayyisan uumudha.

Dhaabbanni yaalaa Israa’el tokko garuu tiruu namtolchee laaboraatoorii keessatti torbanoota 34 ture uumuu danda’eera.

Dhaabbanni Meedikaalaa Sheebaa jedhamu Yuunivarsiitii Tel Aviiv waliin ta’uun gama qorannoo fi qo’annoo yaalaa irratti bu’aa guddaa galmeessuu isaa gabaafamee jira.

Kaleen namtolchee kun sababa Kaleen hojii dhaabuun lubbuu namaa galaafatu hubachuu fi qoricha mijatu qopheessuuf baay’ee gargaara jedhan qorataan dhaabbata Meedikaalaa Sheebaa Beenijaamiin Deekil.

Qorannoon kun qoricha kalee saffisaan argachuuf kan gargaaruu qofa osoo hin taane, adeemsa keessa kalee namtolchee uumuun kalee dhukkubde bakka buusuun akka danda’amuu ibsameera.

Qorannoon kun gara yaaliiwwan kilinikaatti tarkaanfachuuf ammalleen hojiileen hafan kan jiran yoo ta’u, kanaafis maallaqni dabalataa akka barbaachisu dubbataniiru.

Akka dhaabbanni qorannoo kanaa ibsetti, dhaabbileen qoricha oomishan Chaayinaa fi Hoong Koongitti argaman qorannoo kanaaf maallaqa kennuuf fedhii qabaachuu isaanii ibsaniiru.

Dhibee kaleetin baay’inaan miidhamaa kan jirtu Chaayinaan yeroo ammaa dhukkubsattoota miiliyoona 150 ol ta’an dhibee kaleetin akka saaxilaman gabaasni gaazexaa ‘South China Morning Post’ irratti ba’e ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply