IGAD fi Gamtaan Awurooppaa tumsa dameelee addaa addaan qaban daran cimsuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Itti Aanaan Barreessa Olaanaa IGAD Mahaammad Abdii Waaree hoogganaa tumsa Gamtaa Awurooppaa haaraa Geraaldi Haalter waliin Jibuutiitti mari’ataniiru.
Mariin taasisan IGAD fi gamtaan Awurooppaa tumsa gama nagaa, tasgabbii, ijaarsa dandeettii jijjiirama haala qilleensaan hin miidhamnee, wabii nyaataa fi dhimma baqattootaarratti tumsa qaban waliin cimsuurratti kan xiyyeeffate akka ta’e odeeffannoon IGAD irraa argame ni mul’isa.