AMN PLUS – Guraandhala 26/2018
Jilli Qondaaltota Ministeera Barnootaa Zaambiyaa misooma kunuunsa daa’imummaan duraa irratti Finfinnee muuxannoo qooddachaa jiraachuun ibsameera.
Jilichi giddu gala misooma kunuunsa daa’immanii akka Afrikaatti kan jalqabaa Finfinneetti hundeeffame daawwachuun mariis taasiseera.

Ministeera Barnootaa Zaambiyaatti Daarektarri Madaalliifi Qulqullina Barnootaa Piriisaa Simokundaa gaaffiifi deebii AMN waliin taasisaniin, Itiyoophiyaan muuxannoo barnoota misooma daa’immanii qooduuf biyya sirriidha jechuun dubbataniiru.
Hundeeffamuun giddu-gala misooma daa’immanii barbaachiisaa tahuu kan ibsan daayrektarichi kunis Itoophiyaa qofa osoo hin-taane lammiilee Afrikaa hunda fayyadamoo taasisa jedhan.

Zaambiyaan barnoota misooma daa’immanii dursitee eegaltus akka eegametti bu’a qabeessa hin taanes kaasuun, rakkoolee jiran furuuf Finfinnee irraa muuxannoo qooddachuu himaniiru.
Maatiin ijoollee isaanii itti dhiyeenyaan hordofuu akka danda’aniif wiirtuuleen kunuunsa daa’immanii kuma tokkoo ol magaalaa guddoo biyyattii Finfinnee keessatti ijaaramaniiru.
Daraartuu Tarreessaatiin