AMN PLUS- Onkoloolessa 11/2018
Ministirri Maallaqaa Ahimad Shideen Washingitan DCtti Hooggantoota Olaanoo Ministeera Dhimma Diinagdeefi Ministeera Dhimma Alaa Amerikaa waliin dhimmoota hariiroo diinagdee biyyoota lameenii cimsuun danda’amu irratti mari’ataniiru.
Obbo Ahimad marii kana irratti bu’aalee riifoormii diinagdee man-dhaleen argaman irratti ibsa bal’aa kennaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa bulchiinsa gaariifi iftoominaan hojjechuun invastimantiif haala gaarii uumaa jiraachuu eeran.
Hoggantootni mana hojii Ministeera Diinagdeefi Ministeera Dhimma Alaa Amerikaas ce’umsa diinagdee Itoophiyaa deeggaruu itti fufuuf mootummaan isaanii qophii ta’uu Ibsi Ministerri Maallaqaa AMNf erge ni agarsiisa.
Ajandaa riifoormii diinagdeefis deeggarsa teekniikaa kennuun dhaabbilee faayinaansii idil addunyaa waliin ta’uun deeggarsa akka itti fufan eeran.