Finfinneetti giddu galli yeroo tokkotti konkolaattota Elektirikiin hojjetan 16f anniisaa kennu hojii eegale

You are currently viewing Finfinneetti giddu galli yeroo tokkotti konkolaattota Elektirikiin hojjetan 16f anniisaa kennu hojii eegale

AMN PLUS, Guraandhala 14, 2017

Magaalaa Finfinneetti giddu galli konkolaattota Elektirikiin hojjetan 16 yeroo tokkotti anniisaa kennu hojii eegale.

Giddu galli kun konkolaataa tokko daqiiqaa 40 keessatti kan guutuufi rakkoo faalama qilleensaa konkolaattonni boba’aan hojjetan geessisan kan xiqqeessuu ta’uu Hoogganaan Biiroo Miidhagina Magaalaafi Misooma Magariisaa magaalaa Finfinnee Obbo Girmaa Seefuu dubbataniiru.

Konkolaattonni Elektirikiin hojjetan magaalicha keessatti baayyachaa waan jiraniif misooma Koriidarii marsaa lammaaffaa hojjetamaa jiruun kutaalee magaalaa Finfinnee gara garaatti giddu galli konkolaattonni Elektirikiin hojjetan itti chaarjeffaman 58 kan hojjetaman ta’uu Obbo Girmaan himaniiru.

Geetaahun Katamaatin.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply