Kolleejiiwwan magaalaa Finfinnee mata duree “Sammuu Ifaa Lammiilee Ogummaan gahooman” Jedhuun hojiiwwan qo’annoo fi qorannoon waliin dorgomaa jiru
Dorggommii Qorannoo fi Qo’annoo kana kan qopheesse Biiroo Hojiifi Ogummaa Magaalaa Finfinnee yoo ta’u, rakkoo gahumsaa fi dandeetti koollejjiwwanii fi wiirtuu oomishaa magaalichaa furuuf kan qophaa’e ta’uu ibsameera.
Dorggommiin kuni koollejjiiwwan magaalicha keessatti argaman 14 hirmaachisaa kan ture yoo ta’u, qorattoonni koollejjii 7 marsaa xumuratti darbuun bu’aa qorannoo isaanii dhiheessaa jiru.
Qorattoota 7’n dorgomaa jiran keessaa guyyaa har’aa kan injifatu Magaalaa Finfinnee bakka bu’uun dorggommii qorannoo fi qo’annoo yeroo itti aanutti akka biyyatti qophaa’u irratti kan hirmaatu ta’uu Itti Hoogganaan itti aanaa Aanaa Biiroo Hojiifi Ogummaa Magaalaa Finfinnee Obbo Mohaammad Ligaanii dubbataniiru.
Qorannoo fi qo’annoon dhihaataa jiru kun rakkoo koollejjoota magaalicha keessa jiru kan furu lammii ogummaan dagaage oomishuu keessattis gahee olaanaa akka qabu obbo Mohaammad dubbataniiru.
Geetaahun Katamaatu Gabaase.