Giddu galoonni gabaa Finfinneetti ijaaraman qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuu keessatti gaheen isaanii olaanaa ta’uu hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa dubbatan.
Hoggantoonni Giddugala gabaa Laaftoo daawwataan Yaada AMN PLUS’f kennaniin, giddu galoonni kunneen rakkoo hanqina dhiheessii Oomishaalee bu’uraa furaa jira jedhan.
Kana malees Giddu galoonni kunneen qonnaan bulaan kallattiin oomishaa isaa akka gabaatti dhiheessu, jiraattonni immoo gatii madaalawaan oomishaalee bu’uraa akka argatan taasisaa jira jedhaniiru.
Gabaa Finfinnee kan naannolee wajjiin walitti hidhuun Sirni daldalaa akka ammaayyaa’uu taasisaa jiraachuus himan.
Geetaahun Katamaatu Gabaase.